38
Raajii Googiin Mormuun Dubbatame
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: “Yaa ilma namaa, fuula kee gara Googi, bulchaa hangafticha Meshekii fi Tuubaalii kan biyya Maagoogitti garagalfadhu; isaan mormuudhaanis raajii dubbadhuutii akkana jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa Googi, bulchaa hangafticha Meshekii fi Tuubaal, ani sitti kaʼa. Ani duubatti sin deebisa; haʼoo kee keessa hokkoo galchee loltoota kee hunda wajjin, fardeen kee, abbootii fardeenii kee kanneen hidhata waraanaa guutuu hidhatan, waldaa guddaa kanneen gaachana gurguddaa fi xixiqqaa qabatanii fi kanneen hundi isaanii goraadee qabatan wajjin sin baasa. Faaresi, Itoophiyaa fi Fuuxi kanneen hundi isaanii gaachanaa fi gonfoo sibiilaa qabatan isaan wajjin taʼu; akkasumas Goomer loltoota ishee hunda wajjin, kaaba fagootii Beet Toogarmaa loltoota ishee hunda wajjin, saboota hedduus sitti dabalee nan baasa.
“ ‘Qophaaʼi; atii fi waldaan si biratti walitti qabame hundi qophaaʼaa; ajajaa isaaniis taʼi. Guyyaa hedduu booddee ati lolaaf ni waamamta. Waggoota fuula duraa keessa ati biyyattii lola irraa dandamatte, kan namoonni ishee saboota baayʼee keessaa tulluuwwan Israaʼel irratti walitti qabaman, kan bara dheeraaf ontee turte sana ni weerarta Isaan saboota keessaa baafamaniiru; amma hundi isaanii nagaadhaan jiraatu. Atii fi loltoonni kee hundi, saboonni baayʼeen si wajjin jiranis akka bubbee ol ni baatu; ati akka duumessa biyyattii haguuguu ni taata.
10 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Gaafas yaadni sammuu keetti ni dhufa; atis hammina ni malatta 11 Ati akkana jetta; “Ani biyya gandoonni ishee dallaa hin qabne tokko nan weerara; ani namoota nagaa fi tasgabbiidhaan jiraatan jechuunis warra dallaa, balbalaa fi danqaraawwan hin qabne hunda nan dhaʼa. 12 Ani nan boojiʼa; nan saamas; namoota saboota keessaa walitti qabamanii iddoowwan diigamanitti deebiʼanii qubatan kanneen horii fi meeshaaleedhaan sooromanii handhuura biyyattii keessa jiraatanitti harka koo nan kaasa.” 13 Shebaa fi Dedaan, daldaltoonni Tarshiishii fi gandoonni ishee hundi akkana siin jedhu; “Ati boojiʼuuf dhuftee? Ati saamuuf, meetii fi warqee fudhattee deemuuf, horii fi meeshaalee fudhachuuf, boojuu hedduus qabachuuf tuuta kee walitti qabattee?” ’
14 “Kanaafuu yaa ilma namaa, raajii dubbadhuutii Googiin akkana jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Gaafas yeroo sabni koo Israaʼel nagaan jiraatutti ati waan kana hin qalbeeffattuu? 15 Ati iddoo kee kan kaaba fagootii ni dhufta; saboonni baayʼeen kanneen hundi isaanii farda yaabbatan, waldaan guddaan, loltoonni jajjaboon si wajjin ni dhufu. 16 Ati akkuma duumessa biyya haguuguutti saba koo Israaʼelitti ni kaata. Yaa Googi, akka saboonni yommuu ani karaa keetiin fuula isaanii duratti qulqullummaa koo argisiisutti na beekaniif, ani bara dhufuuf jiru keessa biyya kootti sin kaasa.
17 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Namni ani bara durii karaa tajaajiltoota koo raajonni Israaʼeliin waaʼee isaa dubbadhe sun siʼii mitii? Yeroo sana isaan akka ani isaanitti si kaasu bara dheeraaf ni raajan. 18 Gaafas waan kanatu taʼa; yeroo Googi biyya Israaʼel miidhutti aariin koo ni bobaʼa, jedha Waaqayyo Gooftaan. 19 Yeroo sana Israaʼel keessatti sochiin lafaa guddaan isaa akka taʼu, ani hinaaffaa fi dheekkamsa koo bobaʼaa sanaan nan dubbadha. 20 Qurxummiin galaanaa, simbirroonni samii, bineensonni dirree, uumamawwan lafa irra munyuuqan, namoonni lafa irra jiraatan hundi argamuu kootti ni hollatu. Tulluuwwan ni jigu; ededni hallayyaa ni fottoqa; dallaan hundis ni jiga. 21 Ani tulluuwwan koo hunda irratti Googitti goraadee nan waama, jedha Waaqayyo Gooftaan. Goraadeen nama hundaa obboleessa isaatti ni kaʼa. 22 Ani adabbii dhaʼichaatii fi dhiiga dhangalaasuu isatti nan mura; isaa fi loltoota isaatti, saboota isa wajjin jiran hedduuttis bokkaa hamaa, cabbii fi dinyii bobaʼu nan roobsa. 23 Kanaanis guddinaa fi qulqullina koo nan argisiisa; fuula saboota baayʼee durattis of nan beeksisa; ergasii isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’