37
Sulula Lafeewwan Goggogaa
Harki Waaqayyoo narra ture; innis Hafuura Waaqayyootiin na fuudhee, walakkaa sululaa na dhaabe; sululli sunis lafeewwaniin guutamee ture. Isaan gidduus asii fi achi na deddeebise; anis lafeewwan akka malee baayʼee kanneen akka malee goggogan lafa sululaa irratti nan arge. Innis, “Yaa ilma namaa, lafeewwan kunneen jiraachuu dandaʼuu?” jedhee na gaafate.
Ani immoo, “Yaa Waaqayyo Gooftaa, si qofatu beeka” nan jedhe.
Kana irratti inni akkana naan jedhe; “Lafeewwan kanneenitti raajiitii akkana jedhiin; ‘Yaa lafeewwan goggogoo, dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa! Waaqayyo Gooftaan lafeewwan kanneeniin akkana jedha: Ani hafuura isinitti nan galcha; isinis lubbuudhaan ni jiraattu. Ribuu isinitti nan baasa; akka foon isinitti baʼu nan godha; gogaas isinitti nan uffisa; hafuuras isin keessa nan kaaʼa; isinis lubbuudhaan ni jiraattu. Ergasii isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.’ ”
Kanaafuu ani akkuman ajajametti raajii nan dubbadhe. Utuma ani raajii dubbachaa jiruus sagaleen tokko dhagaʼame; lafeewwanis walitti dhufan; lafeenis lafeetti maxxane. Yeroo ani isaan ilaaletti, kunoo ribuun isaanitti baʼee ture; foonis isaan irra ture; gogaas uffatanii turan; hafuurri garuu isaan keessa hin jiru ture.
Ergasii inni akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, bubbeetti raajii dubbadhu; akkanas jedhiin; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa bubbee, bubbeewwan afran irraa kottu; akka isaan lubbuudhaan jiraataniif warra gorraʼaman kanneenitti bubbisi.’ ” 10 Kanaafuu ani akkuma inni na ajajetti raajii nan dubbadhe; hafuurris isaanitti gale; isaanis lubbuu horatanii miilla isaaniitiin kaʼanii dhadhaabatan; isaanis raayyaa guddaa turan.
11 Innis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, lafeewwan kunneen guutummaa mana Israaʼeli. Jarris, ‘Lafeewwan keenya goggoganiiru; nu abdii hin qabnu; cinneerras’ jedhu. 12 Kanaafuu raajii dubbadhuuttii akkana isaaniin jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa saba koo ani awwaala kee banee isa keessaa sin baasa; ani biyya Israaʼelitti deebisee sin fida. 13 Isinis yaa saba ko, yeroo ani awwaala keessan banee isa keessaa isin baasutti, akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu. 14 Ani Hafuura koo isin keessa nan kaaʼa; isinis lubbuudhaan jiraattu; ani biyyuma keessan keessa isinan qubachiisa. Ergasii isin akka ani Waaqayyo dubbadhee hojjedhe ni beektu, jedha Waaqayyo.’ ”
Sabni Tokko Mootii Tokko Jalatti
15 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe; 16 “Yaa ilma namaa, ulee mukaa tokko fuudhiitii, ‘Kan Yihuudaatii fi kan Israaʼeloota isa wajjin tumsanii’ jedhii isa irratti barreessi. Ulee mukaa kan biraas fuudhiitii, ‘Ulee Efreem, kan Yoosefii fi kan guutummaa mana Israaʼel kanneen isa wajjin tumsanii’ jedhii isa irratti barreessi. 17 Akka isaan harka kee keessatti tokko taʼaniif uleewwan sana walitti qabsiis.
18 “Yommuu namoonni biyya keetii, ‘Kun maal jechuu kee akka taʼe nutti hin himtuu?’ jedhanii si gaafatanitti, 19 akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani ulee Yoosef kan harka Efreem jiru kan gosoota Israaʼel kanneen isa wajjin tumsanii, ulee Yihuudaa wajjin walitti qabsiisee ulee mukaa tokko nan godha; isaanis harka koo keessatti tokko ni taʼu.’ 20 Fuula isaanii durattis uleewwan isaan irratti barreessite sana harkatti qabadhuutii 21 akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani saboota isaan keessa turan keessaa Israaʼeloota nan baasa. Qixa hundaa walitti isaan qabee biyya isaaniitti isaan nan galcha. 22 Ani tulluuwwan Israaʼel irratti, biyyattii keessatti saba tokko isaan nan godha. Isaan hunda irratti mootii tokkotu moʼa; isaanis gonkumaa deebiʼanii saboota lama hin taʼan yookaan mootummaan isaanii iddoo lamatti hin qoodamu. 23 Isaan siʼachi waaqota isaanii tolfamoodhaa fi fakkiiwwan faayidaa hin qabneen yookaan balleessaa isaanii kamiin iyyuu of hin xureessan; ani cubbuudhaan dugda duubatti mucucaachuu isaanii hunda irraa deebisee isaan nan qulqulleessaatii. Isaan saba koo ni taʼu; anis Waaqa isaanii nan taʼa.
24 “ ‘Daawit garbichi koo isaan irratti mootii ni taʼa; isaan hundis tiksitee tokko ni qabaatu. Isaan seera koo duukaa ni buʼu; sirna koos of eeggannaadhaan ni eegu. 25 Isaan biyya abbootiin keessan jiraatan, biyya ani Yaaqoobiif kenne keessa ni jiraatu. Isaanii fi ijoolleen isaanii, ijoolleen ijoollee isaaniis bara baraan achi ni jiraatu; Daawit garbichi koos bara baraan bulchaa isaanii ni taʼa. 26 Ani isaan wajjin kakuu nagaa nan seena; kakuun kunis kakuu bara baraa ni taʼa. Ani jabeessee isaan nan dhaaba; lakkoobsa isaaniis nan baayʼisa; gidduu isaaniittis iddoo qulqulluu koo bara baraan nan dhaaba. 27 Iddoon jireenya koo isaan bira taʼa; ani Waaqa isaanii nan taʼa; isaanis saba koo ni taʼu. 28 Ergasii yommuu iddoon qulqulluun koo bara baraan isaan gidduu jiraatutti, akka ani Waaqayyo Israaʼelin qulqulleessu saboonni ni beeku.’ ”