24
Okkotee Itti Affeelan
Waggaa saglaffaa, jiʼa kurnaffaa keessa bultii kurnaffaatti; dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: “Yaa ilma namaa guyyaa kana, guyyaa harʼaa kana galmeeffadhu; mootiin Baabilon guyyaa harʼaa kana Yerusaalemin marseeraatii. Mana fincilaa kanatti akkana jedhii fakkeenya himi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha:
“ ‘Okkotee itti affeelan ibidda irra kaaʼi;
ibidda irra kaaʼiitii bishaan itti naqi.
Foon murmuramaa, foon murmuramaa filatamaa hunda
jechuunis tafaa fi cinaacha itti naqi.
Lafeewwan filatamoodhaanis isa guuti;
bushaayee keessaa filatamaa isaa fuudhi.
Lafee bilcheessuudhaaf okkotee sana jala qoraan naqi;
akka gaariitti affeeli;
lafee isaas bilcheessi.
 
“ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii:
“ ‘Magaalaa dhiiga namaa dhangalaaftuuf,
okkotee xuriin itti qabatee
xuriin sun irraa hin baʼiniif wayyoo!
Utuu ixaa hin buusin
gumaa gumaa isaa keessaa fuudhii duwwaa hambisi.
 
“ ‘Dhiigni isheen dhangalaafte ishee keessa jiraatii;
isheen kattaa qulullaaʼaa irratti dhiiga sana dhangalaafte;
isheen dhiiga sanatti biyyoo deebisuuf
lafatti hin dhangalaafne.
Ani dheekkamsa koo kakaasee haaloo baʼuuf jedhee
akka dhiigni sun hin haguugamneef
dhiiga ishee kattaa qulullaaʼaa irratti nan dhangalaase.
 
“ ‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha:
“ ‘Magaalaa dhiiga dhangalaaftu sanaaf wayyoo!
Anis qoraan ibiddaa nan tuula.
10 Qoraan irra tuuli;
ibiddas itti qabsiisi.
Urgooftuu itti naqiitii
foon isaa akka gaariitti affeeli;
lafeen isaas haa gubamu.
11 Ergasii akka xuriin isaa irraa baqee
wanni irratti ligidaaʼe gubatee baduuf,
hamma inni hoʼee sibiilli diimaan isaa baqutti,
okkotee duwwaa sana cilee bobaʼu irra kaaʼi.
12 Yaaliin godhame hundi akkasumaan hafe;
ligidaaʼuun isaas
ibiddaan iyyuu gad hin dhiifne.
13 “ ‘Xuraaʼummaan kee addaggummaa dha. Ani si qulqulleessuu yaaleera; ati garuu xuraaʼummaa kee irraa hin qulqulloofne; hamma dheekkamsi koo sirraa deebiʼutti ati lammata hin qulqullooftu.
 
14 “ ‘Ani Waaqayyo dubbadheera. Yeroon ani itti hojjedhu naaf dhufeera. Ani duubatti hin deebiʼu; ani garaa hin laafu yookaan hin gaabbu. Akkuma amala keetiittii fi hojii keetiitti sitti murama, jedha Waaqayyo Gooftaan.’ ”
Niitiin Hisqiʼeel Duʼuu Ishee
15 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: 16 “Yaa ilma namaa, ani waan iji kee itti gammadu dhaʼicha tokkoon si duraa nan fuudha. Taʼus ati hin gaddin yookaan hin booʼin yookaan imimmaan tokko iyyuu hin dhangalaasin. 17 Of keessatti aadi; nama duʼeef hin booʼin. Marata kee maradhu; kophee kees miilla keetti kaaʼadhu; fuula kee gara gadiitiin hin haguuggatin yookaan buddeena warra gaddaa hin nyaatin.”
18 Kanaafuu ani ganamaan sabatti nan hime; niitiin koos galgala duute. Guyyaa itti aanu ganama ani akkuman ajajame sana nan godhe.
19 Namoonnis, “Waan kana gochuun kee hiikkaa maalii akka nuuf qabu ati nutti hin himtuu?” jedhanii na gaafatan.
20 Anis akkanan isaaniin jedhe; “Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: 21 Mana Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani iddoo koo qulqulluu jechuunis daʼannoo isin ittiin boontan, waan iji keessan itti gammadu, waan isin jaallattan sana nan xureessa. Ilmaanii fi intallan keessan kanneen isin dhiiftanii deemtan immoo goraadeedhaan ni dhumu. 22 Isinis akkuma ani godhe sana gootu. Fuula keessan gara gadiitiin hin haguuggattan yookaan buddeena warra gaddaa hin nyaattu. 23 Maranni keessan mataa keessan irra, kopheen keessan immoo miilla keessan irra haa turu. Isin sababii cubbuu keessaniitiif ni huqqattan; walii wajjinis ni aaddu malee hin gadditan yookaan hin boossan. 24 Hisqiʼeel mallattoo isiniif taʼa; isinis akkuma inni godhe sana ni gootan. Yeroo wanni kun taʼutti isin akka ani Waaqayyo Gooftaa taʼe ni beektu.’
25 “Yaa ilma namaa, gaafa ani daʼannoo isaanii, gammachuu fi ulfina isaanii, waan iji isaanii itti gammadu, waan garaan isaanii hawwuu fi ilmaanii fi intallan isaanii fudhadhutti, 26 gaafas namni miliqee baʼe tokko dhufee oduu sitti hima. 27 Gaafas afaan kee ni banama; atis isa wajjin ni haasofta; ergasii hin calʼistu. Kanaafuu ati isaaniif mallattoo ni taata; isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”