23
Obboleettota Sagaagaltoota Lamaan
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: “Yaa ilma namaa, dubartoota lama, intallan haadha tokkootu ture. Isaanis shamarrummaa isaaniitii jalqabanii sagaagalummaadhaaf of kennuudhaan biyya Gibxi keessatti sagaagaltoota taʼan. Biyya sanattis harmi isaanii ni tuttuqame; fiixeen guntuta isaanii kan yeroo durbummaa immoo ni qaqqabatame. Ishee hangafni Oholaa, obboleettiin ishee immoo Oholaa jedhamte. Isaanis kan koo turan; ilmaanii fi intallanis daʼan. Aholaan Samaariyaa dha; Oholiibaan immoo Yerusaalemii dha.
“Oholaan utuma kan koo taatee jirtuu sagaagalummaa jalqabde; isheenis michoota ishee jechuunis loltoota Asoor kajeelte; isaanis loltoota wayyaa bifa cuquliisaa uffatan, bulchitootaa fi ajajjoota; isaan hundinuus namoota mimmiidhagoo kanneen farda yaabbatan turan. Isheenis hayyoota Asoor hundaaf sagaagalummaadhaan of kennite; waaqota tolfamoo namoota isheen kajeelte sanaa hundaanis of xureessite. Isheen sagaagalummaa ishee kan biyya Gibxi keessatti jalqabde sana hin dhiifne; yeroo shamarrummaa isheetti namoonni ishee wajjin ciisan fiixee guntuta ishee kan yeroo durbummaa qaqqabatanii dharraa sagaagalummaa isaanii ishee irratti dhangalaasan.
“Kanaafuu ani michoota ishee, Asoorota isheen dharraatetti dabarsee ishee nan kenne. 10 Isaanis qullaa ishee mulʼisan; ilmaanii fi intallan ishee ni fudhatan; goraadeedhaanis ishee ajjeesan. Isheen dubartoota keessatti waan kolfaa taatee murtiin ishee irratti raawwatame.
11 “Obboleettiin ishee Oholiibaa waan kana argitee turte; taʼus isheen dharraa isheetii fi sagaagalummaa isheetiin obboleettii ishee caalaa xuroofte. 12 Akkasumas isheen Asoorota jechuunis bulchitootaa fi ajajjoota, loltoota wayyaa irraa fi jalaa uffatan, namoota farda yaabbatan kanneen hundi isaanii dargaggeeyyii mimmiidhagoo taʼan dharraate. 13 Ani akka isheenis of xureessite nan arge; lachan isaanii iyyuu daandii tokko irra deemu.
14 “Isheen garuu sagaagalummaa ishee ittuma fufte. Fakkii namootaa kan keenyan manaa irratti fakkeeffame, fakkiiwwan Kaldootaa kan halluu diimaadhaan fakkeeffame, 15 kan mudhii isaanii irraa sabbata, mataa isaanii irraa immoo marata qaban argite; isaan hundi ajajjoota gaarii waraanaa kan Baabilonotaa, dhalattoota biyya Kaldootaa fakkaatu ture. 16 Isheenis akkuma isaan argiteen isaan dharraatee gara biyya Kaldootaatti ergamoota isaanitti ergatte. 17 Warri Baabilonis gara ishee, gara siree jaalalaa seenanii dharraa sagaagalummaa isaaniitiin ishee xureessan. Isheenis erga isaaniin xurooftee booddee jibbitee isaan irraa garagalte. 18 Yeroo isheen ifaan ifatti sagaagalummaa ishee itti fuftee qullaa of dhaabdetti, ani akkuman obboleettii ishee irraa gara gale sana jibbaan ishee irraa nan gara gale. 19 Taʼus isheen akkuma yeroo shamarrummaa ishee, yeroo biyya Gibxi keessatti sagaagaltuu turte sana yaadatteen sagaagalummaa ishee ittuma fufte. 20 Isheenis achitti michoota ishee kanneen dhagni saala isaanii, dhagna hormaata korma harree fakkaatu, fincaan isaanii kan dhiiraa immoo fincaan korma fardaa fakkaatu sana dharraate. 21 Kanaafuu ati addaggummaa yeroo shamarrummaa keetii kan yeroo biyya Gibxi turtetti harmi kee qaqqabatamee guntunni kee immoo tuttuqame sana yaadatte.
22 “Kanaafuu yaa Oholiibaa, Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani michoota kee kanneen ati xireeffattee irraa garagalte sana sitti kaasee qixa hundaan sitti nan fida. 23 Isaan kunneenis Baabilonotaa fi Kaldoota hunda, namoota Pheqood kan Shooʼaatii fi Qoʼaa turan; isaan wajjinis Asoorota hundattu ture; Asooronni kunneenis dargaggeeyyii mimmiidhagoo hundi isaanii bulchitootaa fi ajajjoota waraanaa, ajajjoota gaarii waraanaatii fi namoota sadarkaa ol aanaa kanneen hundi isaanii fardaan deeman turan. 24 Isaanis miʼa lolaatii fi gaarii waraanaa, gaariiwwan biraatii fi tuuta uummataa wajjin sitti dhufu; isaanis gaachana guddaa fi xinnaan, gonfoo sibiilaatiin qixa hundaan sitti hiriiru; ani dabarsee isaanitti adabbiif sin kenna; isaan akkuma seera isaaniitti si adabu. 25 Ani dheekkamsa koo sitti nan erga; isaanis aariidhaan sirra yaaʼu. Funyaanii fi gurra kee sirraa kutu; warri si keessaa hafan iyyuu goraadeedhaan dhumu. Isaan ilmaan keetii fi intallan kee fudhatanii deemu. Warri si keessaa hafan immoo ibiddaan barbadeeffamu. 26 Akkasumas wayyaa kee sirraa baafatanii faaya kee miidhagaa fudhatu. 27 Akkasiin ani addaggummaa fi sagaagalummaa ati biyya Gibxitti jalqabde sana nan dhaaba. Ati dharraadhaan wantoota kanneen hin ilaaltu yookaan lammata biyya Gibxi hin yaadattu.
28 Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: Ani warra ati jibbite, kanneen ati xireeffattee irraa garagalte sanatti dabarsee sin kenna. 29 Isaanis jibbaan sitti dhufanii waan ati itti dadhabde hunda sirraa fudhatu. Qullaa fi harka duwwaa si hambisu; qaaniin sagaagalummaa keetiis ifatti baʼa. Addaggummaan keetii fi halalummaan kee, 30 waan kana sitti fidaniiru; ati saboota ormaa dharraatee waaqota isaanii tolfamoodhaan of xureessiteertaatii. 31 Ati karaa obboleettiin kee deemte irra deemteerta; kanaafuu ani harka kee keessa xoofoo ishee nan kaaʼa.
32 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha:
“Atis xoofoo guddaa fi gad fagoo,
xoofoo obboleettii keetii ni dhugda;
ati arrabsoo fi tuffii ni quufta;
xoofoon sun dhugaatii baayʼee qabataatii.
33 Ati xoofoo obboleettii keetii kan Samaariyaatiin,
xoofoo diigamuutii fi badiisaatiin,
kan machiitii fi gaddaatiin ni guutamta.
34 Ati ni dhugda; keessaas ni fixxa;
xoofoo sana ni caccabsita;
harma kee of irraa ciccirta.
Ani waan kana dubbadheera, jedha Waaqayyo Gooftaan.
 
35 “Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ati waan na irraanfattee duubatti na gatteef gatii addaggummaa keetiitii fi sagaagalummaa keetii ni argatta.”
36  Waaqayyo akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, ati Oholaa fi Oholiibaatti ni murtaa? Yoos hojii isaanii jibbisiisaa sana isaanitti himi; 37 isaan sagaagalaniiru; dhiigni harka isaanii irra jira. Isaan waaqota isaanii tolfamoo wajjin sagaagalaniiru; isaan ijoollee naaf daʼan iyyuu nyaata godhanii isaaniif aarsaa dhiʼeessaniiru. 38 Dabalaniis waan kana narratti raawwatan: Yeruma sana iddoo koo qulqulluu xureessan; Sanbatoota koos ni salphisan. 39 Gaafuma ijoollee isaanii waaqota tolfamoof aarsaa godhanitti iddoo koo qulqulluu seenanii xureessan. Wanni isaan mana koo keessatti godhan kanaa dha.
40 “Akka namoonni biyya fagootii dhufaniif ergamoota itti ergan; isaanis ni dhufan; yommuu isaan dhufanittis ati dhagna kee dhiqattee, ija kee kuulattee faaya kee kaaʼatte. 41 Ati siree ulfinaa irra teesse; fuula siree sanaa dura minjaala keesse; minjaala sana irras ixaana kootii fi zayitii koo keesse.
42 “Wacni fandalaltootaa naannoo isheetti dhagaʼame; machooftonni namoota wacan sana wajjin gammoojjiidhaa dhufanis achi turan; isaanis irree dubartii sanaattii fi kan obboleettii isheetti bitawoo, mataa isaaniitti immoo gonfoo miidhagaa kaaʼaniif. 43 Anis, ‘Namoonni yeroo ishee wajjin sagaagalanitti isaan amma ejja hojjechuu isaaniitii mitii?’ nan jedhe. 44 Jarris ishee wajjin ciisan. Isaanis akkuma namoonni sagaagaltoota wajjin ciisan sana Oholaa fi Oholiibaa addaggeewwan sana wajjin ciisan. 45 Sababii isaan ejjitoota taʼanii fi dhiigni harka isaanii irratti argameef, namoonni qajeeltonni adabbii dubartoota ejjitootaa fi dhiiga dhangalaasaniif malu isaanitti muru.
46 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani jeeqxota itti nan kakaasa; raafamaa fi saamichaaf dabarsee isaan nan kenna. 47 Jeeqxonni sunis dhagaan isaan tumanii goraadee isaaniitiin isaan kukkutu; ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii fixanii manneen isaanii immoo ni gubu.
48 “Kanaafuu akka dubartoonni hundi of eeggatanii fi isin duukaa hin buuneef ani biyyattii keessaa addaggummaa nan balleessa. 49 Isin addaggummaa keessaniif ni adabamtu; gatii cubbuu keessan kan waaqota tolfamoo waaqessuudhaan hojjettan sanaa ni argattu. Ergasiis akka ani Waaqayyo Gooftaa taʼe ni beektu.”