4
Dubbicha Akka Lallabu Ajajuu Isaa
Ani fuula Waaqaa duratti, fuula Kiristoos Yesuus isa warra jiraatanii fi warra duʼanitti muruuf jiruu durattis mulʼachuu isaatii fi mootummaa isaatiin sin gorsa. Dubbicha lallabi; yeroo mijaaʼaattis taʼu yeroo hin mijoofnetti qophaaʼi; obsa guddaa fi barsiisa of eeggannaatiin sirreessi; ifadhu; jajjabeessis. Yeroon itti namoonni barsiisa dhugaa dhagaʼuuf obsa hin qabaanne ni dhufaatii. Qooda kanaa akka waan gurri isaanii inni hooqsisu sun dhagaʼuu barbaadu itti himaniif hawwii isaanii guutachuuf barsiistota baayʼee ofii isaaniitiif walitti qabatu. Gurra isaaniis dhugaa dhagaʼuu irraa garagalchanii gara oduu hundee hin qabneetti deebisu. Ati garuu waan hunda keessatti ilaallachaa deemi; rakkina obsi; hojii tajaajilaan wangeelaa tokko hojjetu hojjedhu; tajaajila kees fiixaan baasi.
Ani ammuma iyyuu akka dhibaayyuutti dhangalaafamuuf qophaaʼeera; yeroon deemsa koos gaʼeera. Ani lola gaarii loleera; dorgommii xumureera; amantiis eegeera. Amma gonfoon qajeelummaa na eeggata; isas Abbaa Murtii qajeelaa, Gooftichatu guyyaa sana naa kenna; kanas warra mulʼachuu isaa jaallatan hundaaf kenna malee ana qofaaf miti.
Yaadachiisa Dhumaa
Dafii gara koo kottu; 10 Deemaas addunyaa kana jaallatee na dhiisee gara Tasaloniiqee deemeeraatii. Qeerqis gara Galaatiyaa, Tiitoon immoo gara Dilmaaxiyaa deemaniiru. 11 Luqaas qofatu na bira jira. Maarqos waan tajaajila koo keessatti na gargaaruuf isa of duukaa fidii kottu. 12 Ani Xikiqoosin Efesoonitti ergeera. 13 Ati yommuu dhuftutti waaroo ani Xirooʼaasitti Kaariphoos biratti dhiisee fi kitaabota maramoo, keessumattuu kitaabota gogaa duugamaa sana naa fidi.
14 Iskindiroos tumtuun naasii sun akka malee natti hammaate. Gooftaan akka hojii isaatti ni deebisaaf. 15 Namichi kun waan akka malee ergaa keenya mormeef atis isa irraa of eeggachuu qabda.
16 Yeroo ani falmata koo kan jalqabaa dhiʼeeffadhetti hundi isaanii iyyuu na dhiisanii deeman malee namni tokko iyyuu na hin gargaarre. Anis akka wanni kun isaanitti hin lakkaaʼamneef Waaqa nan kadhadha. 17 Garuu akka karaa kootiin ergaan guutummaatti lallabamuu fi akka Namoonni Ormaa hundi dhagaʼaniif Gooftaan na bira dhaabatee na jajjabeesse. Anis afaan leencaa jalaa nan baafame. 18 Gooftaan waan hamaa hunda jalaa na baasee mootummaa isaa kan samiiti nagumaan na galcha. Bara baraa hamma bara baraatti ulfinni isaaf haa taʼu. Ameen.
 
Dhaamsa Nagaa Xumuraa
19 Phirisqilaa fi Aqiilaatti, warra mana Oneesifooros jiraatanittis nagaa naa himi.
 
20 Erisxoos Qorontositti hafe; Xiroofiimoos immoo dhukkubsannaan ani Miilexoositti isa dhiise. 21 Gannaan dura dafii kottu.
 
Ewugiloos nagaa siif dhaama; Phuudeniis, Liinoos, Qilaawudiyaa fi obboloonni hundinuus akkasuma nagaa siif dhaamu.
 
22 Gooftaan hafuura kee wajjin haa taʼu. Ayyaanni si wajjin haa taʼu.