7
Nama Kaanitti Muruu
7:3‑5 kwf – Luq 6:41,42
“Akka isinitti hin muramneef namoota kaanitti hin murinaa. Murtiidhuma isin namatti murtaniin isinitti muramaatii; safartuu ittiin safartaniinis isiniif safarama.
“Ati maaliif jirma ija kee keessa jiru arguu dhiiftee huuba ija obboleessa keetii keessa jiru ilaalta? Ati utuu jirmi ija kee keessa jiruu akkamitti obboleessa keetiin, ‘Kottu mee ani huuba ija kee keessa jiru siif nan baasa’ jechuu dandeessa? Fakkeessituu nana; duraan dursiitii jirma ija kee keessa jiru baafadhu; ergasiis huuba ija obboleessa keetii keessa jiru baasuudhaaf sirriitti argita.
“Waan qulqulluu sarootaaf hin kenninaa; lula keessanis booyyee dura hin buusinaa. Yoo kana gootan isaan miilla isaaniitiin dhidhiitu; gara galanis isin cicciru.
Kadhadhaa, Barbaadaa, Balbala Rurrukutaa
7:7‑11 kwf – Luq 11:9‑13
“Kadhadhaa, isiniif ni kennamaa; barbaadaa, ni argattuu; rurrukutaa, balballi isiniif ni banamaa. Namni kadhatu hundi ni argataatii; namni barbaadu ni argata; nama rurrukutuufis balballi ni banama.
“Isin keessaa namni yoo ilmi isaa buddeena isa kadhate, dhagaa kennuuf eenyu? 10  Yookaan yoo inni qurxummii isa kadhate, bofa kennuuf eenyu? 11  Erga isin warri hamoon iyyuu kennaa gaarii ijoollee keessaniif kennuu beektanii, abbaan keessan inni samii irraa immoo hammam caalchisee warra isa kadhataniif kennaa gaarii haa kennuu ree! 12  Kanaafuu waan akka namoonni isiniif godhan barbaaddan hundumaa isinis akkasuma isaaniif godhaa; Seerris Raajonnis kanumaatii.
Karra Dhiphaa fi Karra Balʼaa
13  “Karra dhiphaadhaan seenaa. Karaan badiisatti geessu balʼaadhaatii; karri isaas balʼaa dha; namoonni ittiin seenanis baayʼee dha. 14  Garuu karri isaa dhiphaa dha; karaan jireenyatti nama geessu qalʼaa dha; warri isa argatanis muraasa.
Mukaa fi Ija Isaa
15  “Raajota sobaa warra kalʼee hoolaa uffatanii gara keessan dhufan, kanneen keessi isaanii garuu yeeyyii akka malee beelaʼee waa cicciratu taʼe irraa of eeggadhaa. 16  Isin ija isaaniitiin isaan beektu. Namoonni qoraattii irraa wayinii yookaan sokorruu irraa harbuu ni ciruu? 17  Akkasumas mukni gaariin hundumtuu ija gaarii naqata; mukni gadheen immoo ija gadhee naqata. 18  Mukni gaariin ija gadhee naqachuu hin dandaʼu; mukni gadheenis ija gaarii naqachuu hin dandaʼu. 19  Mukni ija gaarii hin naqanne hundi muramee ibiddatti naqama. 20  Kanaaf isin ija isaaniitiin isaan beektu.
21  “Nama fedhii Abbaa koo isa samii irraa raawwatu malee namni, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jedhu hundi mootummaa samiitti hin galu. 22  Guyyaa sana namoonni hedduun, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, nu maqaa keetiin raajii dubbanneerra mitii? Maqaa keetiin hafuurota hamoo baafneerra mitii? Maqaa keetiin dinqii hedduu hojjenneerra mitii?’ naan jedhu. 23  Ani immoo, ‘Narraa fagaadhaa! Isin warra hammina hojjettan, ani gonkumaa isin hin beekne’ jedhee ifaan ifatti isaanitti nan hima.
Ijaartota Ogeeyyii fi Gowwoota
7:24‑27 kwf – Luq 6:47‑49
24  “Kanaafuu namni dubbii koo kana dhagaʼee hojiidhaan argisiisu hundi, nama ogeessa mana isaa kattaa irratti ijaarrate fakkaata. 25  Bokkaan roobee, lolaan lolaʼee, bubbeenis bubbisee mana sana dhaʼe; manichi garuu waan kattaa irratti hundeeffameef hin jigne. 26  Namni dubbii koo kana dhagaʼee hojiidhaan hin argisiifne hundi garuu nama gowwaa mana isaa cirracha irratti ijaarrate fakkaata. 27  Bokkaan roobee, lolaan lolaʼee, bubbeenis bubbisee manicha dhaʼe; manni sunis ni jige; jiguun isaas akka malee hamaa ture.”
28 Yommuu Yesuus dubbii kana dubbatee raawwatetti namoonni barsiisa isaa ni dinqisiifatan; 29 inni akka barsiistota seeraatti utuu hin taʼin, akka nama taayitaa qabu tokkootti isaan barsiisa tureetii.