4
Yesuus Qoramuu Isaa
4:1‑11 kwf – Mar 1:12‑13; Luq 4:1‑13
Ergasii Yesuus akka diiyaabiloosiin qoramuuf Hafuuraan gammoojjiitti geeffame. Innis erga guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama soomee booddee ni beelaʼe. Inni nama qoru sun gara isaa dhufee, “Ati yoo Ilma Waaqaa taate, akka dhagoonni kunneen buddeena taʼan ajaji” jedheen.
Yesuus immoo deebisee, “ ‘Namni dubbii afaan Waaqayyootii baʼu hundaan malee buddeena qofaan hin jiraatu’*jedhamee barreeffameera” jedheen.
Ergasii diiyaabiloos gara magaalaa qulqulluutti isa geessee fiixee mana qulqullummaa irra dhaabachiise. Akkanas jedheen; “Ati yoo Ilma Waaqaa taate, gad of darbadhu. Akkana jedhamee barreeffameeraatii:
“ ‘Inni ergamoota isaa siif ni ajaja;
isaanis akka ati miilla keetiin dhagaatti hin buuneef,
harka isaaniitiin ol si fuudhu.’
Yesuus immoo deebisee, “ ‘Waaqa kee Goofticha hin qorin’jedhamee barreeffameera” jedheen.
Ammas diiyaabiloos tulluu akka malee ol dheeraa tokkotti ol isa baasee mootummoota addunyaa hundaa fi ulfina isaanii isatti argisiise. Akkanas jedheen; “Yoo ati gad jettee naaf sagadde, waan kana hundumaa siifin kenna.”
10 Yesuusis, “Seexana nana, narraa fagaadhu! ‘Waaqa kee Gooftichaaf sagadi; isuma qofa tajaajili’§jedhamee barreeffameeraatii” jedheen.
11 Diiyaabiloosis isa dhiisee deeme; ergamoonni immoo dhufanii isa tajaajilan.
Yesuus Lallaba Jalqabuu Isaa
12 Yesuus yommuu akka Yohannis mana hidhaatti galfame dhagaʼetti Galiilaatti deebiʼe. 13 Innis Naazreetii baʼee gara Qifirnaahom ishee biyya Zebuuloonii fi Niftaalem keessatti qarqara galaanaatti argamtu sanaa dhaqee achi jiraate; 14 kunis akka dubbiin karaa Isaayyaas raajichaatiin dubbatame sun raawwatamuuf taʼe; dubbichis akkana jedha:
15 “Biyyi Zebuuloonii fi biyyi Niftaalem
kanneen Yordaanos gama,
qarqara Daandii Galaanaa irra jiran,
Galiilaan Namoota Ormaas,
16 sabni dukkana keessa jiraatu,
ifa guddaa argeera;
warra biyya gaaddidduu duʼaa keessa jiraataniifis,
ifni baʼeera.”*
17 Yesuus yeroo sanaa jalqabee, “Mootummaan samii dhiʼaateeraatii qalbii jijjiirradhaa” jedhee lallabuutti kaʼe.
Waamamuu Barattoota Jalqabaa
4:18‑22 kwf – Mar 1:16‑20; Luq 5:2‑11; Yoh 1:35‑42
18 Yesuus utuu qarqara Galaana Galiilaa irra deemaa jiruu, obboloota lama jechuunis Simoon isa Phexros jedhamuu fi obboleessa isaa Indiriiyaasin arge. Isaanis qurxummii qabdoota waan taʼaniif kiyyoo galaanatti darbachaa turan. 19 Yesuusis, “Kottaa, na duukaa buʼaa; anis akka isin qabduu namootaa taataniif isin nan erga” jedheen. 20 Isaanis yommusuma kiyyoo isaanii dhiisanii isa duukaa buʼan.
21 Innis utuu achii kaʼee deemuu obboloota gara biraa lama jechuunis Yaaqoob ilma Zabdewoosii fi obboleessa isaa Yohannisin arge. Isaanis abbaa isaanii Zabdewoos wajjin kiyyoo isaanii qopheeffachaa bidiruu keessa turan. Yesuusis isaan waame; 22 isaanis yommusuma bidiruu sanaa fi abbaa isaanii dhiisanii isa duukaa buʼan.
Yesuus Dhukkubsattoota Fayyisuu Isaa
23 Yesuus manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa, wangeela mootummaa lallabaa, dhibee fi dhukkuba saba keessa jiru hunda fayyisaa Galiilaa guutuu keessa deeme. 24 Oduun waaʼee isaas Sooriyaa hunda keessatti dhagaʼame; namoonnis warra dhukkuba garaa garaatiin qabaman, warra dhukkuba hamaan dhiphatan, warra hafuura hamaan qabaman, warra dhukkuba gaggabdootiin dhiphatanii fi warra dhagni irratti duʼe isatti fidan; innis isaan fayyise. 25 Tuunni namoota baayʼees Galiilaadhaa, Magaalaa Kurnanii, Yerusaalemii, Yihuudaa fi biyya Yordaanos gamaatii isa duukaa buʼe.
* 4:4 4:4 KeD 8:3 4:6 4:6 Far 91:11,12 4:7 4:7 KeD 6:16 § 4:10 4:10 KeD 6:13 * 4:16 4:16 Isa 9:1,2