15
Wantoota Nama Xureessan
15:1‑20 kwf – Mar 7:1‑23
Ergasii Fariisonnii fi barsiistonni seeraa tokko tokko Yerusaalemii gara Yesuus dhufanii, “Barattoonni kee maaliif duudhaa maanguddootaa cabsu? Isaan yommuu buddeena nyaatanitti harka hin dhiqataniitii!” jedhan.
Yesuusis akkana jedhee deebise; “Isinis maaliif duudhaa keessaniif jettanii ajaja Waaqaa cabsitu? Waaqni, ‘Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni;*namni abbaa isaa yookaan haadha isaa arrabsu kam iyyuu haa ajjeefamu’jedheeraatii. Isin garuu yoo namni kam iyyuu akka wanni silaa abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif kennamuu malu ‘Waaqaaf kennameera’ jedhee dubbate, inni waan sanaan abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif ulfina kennuu hin qabu jettu. Akkanaanis isin duudhaa keessaniif jettanii dubbii Waaqaa busheessitu. Yaa fakkeessitoota! Isaayyaas yommuu waaʼee keessan raajii dubbatetti sirrii ture; innis akkana jedhe:
“ ‘Uumanni kun hidhii isaatiin na kabaja;
garaan isaa garuu narraa fagoo jira.
Isaan akkanumaan na waaqeffatu;
barsiisni isaaniis sirnuma namaa ti.’
10 Yesuusis tuuta sana ofitti waamee akkana jedheen; “Dhagaʼaa; hubadhaas. 11  Waan afaan namaa keessaa baʼutu nama xureessa malee wanni afaan namaa seenu nama hin xureessu.”
12 Ergasii barattoonni gara isaa dhufanii, “Ati akka Fariisonni dubbii kana dhagaʼanii mufatan beektaa?” jedhanii gaafatan.
13 Innis deebisee akkana jedhe; “Biqiltuun abbaan koo inni samii irraa hin dhaabin hundinuu ni buqqifama. 14  Isaan dhiisaa; isaan qajeelchitoota jaamota. Jaamaan yoo jaamaa qajeelche, isaan lachuu boolla keessa buʼu.”
15 Phexrosis, “Mee hiikkaa fakkeenya kanaa nuu ibsi” jedheen.
16 Yesuus immoo akkana jedhee isaan gaafate; “Isinis hamma ammaatti hin hubattanii? 17  Akka wanni afaan seenu kam iyyuu garaa seenee achumaan darbee dhagna keessaa baʼu hin argitanii? 18  Wanni afaan namaatii baʼu garuu nama keessaa baʼa; namichas ni xureessa. 19  Sababiin isaas yaadni hamaan jechuunis ajjeesuun, ejjummaan, halalummaan, hanni, sobaan dhugaa baʼuun, maqaa nama balleessuun garaa namaa keessaa baʼaatii. 20  Wantoota kanneentu nama ‘xureessa’ malee utuu harka hin dhiqatin nyaachuun nama hin xureessu.”
Amantii Dubartii Kanaʼaan Tokkoo
15:21‑28 kwf – Mar 7:24‑30
21 Yesuusis iddoo sanaa kaʼee gara biyya Xiiroosii fi Siidoonaatti qajeele. 22 Kunoo, dubartiin Kanaʼaan tokko naannoo sanaa gara isaa dhuftee iyyaa, “Yaa Gooftaa, yaa Ilma Daawit, intalli koo hafuura hamaadhaan qabamtee akka malee dhiphachaa jirti; na maari!” jette.
23 Yesuus garuu deebii tokko illee hin kennineef. Barattoonni isaas gara isaa dhufanii, “Kunoo isheen iyyaa nu faana deemtiitii achi deebisi” jedhanii isa kadhatan.
24 Inni immoo, “Ani hoolota mana Israaʼel kanneen badan sana qofaafan ergame” jedhee deebise.
25 Dubartiin sunis dhuftee sagaddeefii, “Yaa Gooftaa na gargaari!” jette.
26 Innis, “Buddeena ijoollee fuudhanii saroota dura buusuun sirrii miti” jedhee deebise.
27 Isheenis, “Eeyyee yaa Gooftaa, saroonni iyyuu hambaa maaddii gooftota isaanii irraa harcaʼu nyaatu” jettee deebifteef.
28 Yesuusis, “Dubartii nana, amantiin kee guddaa dha! Akkuma fedhii keetii siif haa taʼu” jedhee deebise. Intalli ishees saʼaatiidhuma sana fayyite.
Yesuus Nama Kuma Afur Soore
15:29‑31 kwf – Mar 7:31‑37
15:32‑39 kwf – Mar 8:1‑10
15:32‑39 kwi – Mat 14:13‑21
29 Yesuus achii kaʼee gara Galaana Galiilaa dhaqe. Gaarattis ol baʼee taaʼe. 30 Namoonni hedduunis warra okkolan, warra jaaman, warra naafatan, warra arrabni isaanii dubbachuu didee fi kanneen biraa hedduu fidanii miilla Yesuus jala kaaʼan; innis isaan fayyise. 31 Namoonni sunis yommuu akka warri arrabni hin dubbanne dubbatan, warri naafatan fayyan, warri okkolan deeman, warra jaamaniif immoo akka iji isaanii baname arganitti ni dinqifatan. Waaqa Israaʼeliifis ulfina kennan.
32 Yesuus barattoota isaa ofitti waamee, “Ani namoota kanneeniif garaa nan laafa; isaan guyyaa sadii na bira turan; waan nyaatan tokko illee hin qaban. Akka isaan karaa irratti hin gaggabneefis ani agabuu isaanii gad isaan dhiisuu hin barbaadu” jedhe.
33 Barattoonni isaas deebisanii, “Buddeena tuuta guddaa akkanaa gaʼu gammoojjii kana keessatti eessaa argachuu dandeenya?” jedhan.
34 Yesuus immoo, “Isin buddeena meeqa qabdu?” jedhee gaafate.
Isaanis deebisanii, “Buddeena torbaa fi qurxummii xixinnoo muraasa qabna” jedhan.
35 Innis akka namoonni sun lafa tataaʼan itti hime. 36 Ergasii buddeena torbanii fi qurxummii sana fuudhee erga galateeffatee booddee kukkutee barattootatti kenne; isaanis namootaaf kennan. 37 Isaan hundi nyaatanii quufan. Ergasiis barattoonni hambaa gundoo torba guutuu walitti qaban. 38 Baayʼinni warra nyaataniis ijoollee fi dubartoota malee dhiira kuma afur ture. 39 Yesuus erga tuuta sana of irraa geggeessee booddee bidiruu yaabbatee naannoo Magadaan dhaqe.
* 15:4 15:4 Bau 20:12; KeD 5:16 15:4 15:4 Bau 21:17; Lew 20:9 15:9 15:9 Isa 29:13