Wangeela
Maatewos
1
Hidda Dhaloota Yesuus Kiristoos
1:1‑17 kwf – Luq 3:23‑38
1:3‑6 kwf – Rut 4:18‑22
1:7‑11 kwf – 1Sn 3:10‑17
Hiddi dhaloota Yesuus Kiristoos sanyii Daawit, sanyii Abrahaam taʼe sanaa kanaa dha:
 
Abrahaam Yisihaaqin dhalche;
Yisihaaq Yaaqoobin dhalche;
Yaaqoob Yihuudaa fi obboloota isaa dhalche;
Yihuudaan Taamaar irraa Faaresii fi Zeraa dhalche;
Faares Hezroonin dhalche;
Hezroon Arraamin dhalche;
Arraam Amiinaadaabin dhalche;
Abiinaadaab Nahishoonin dhalche;
Nahishoon Salmoonin dhalche;
Salmoon Rahaab irraa Boʼeezin dhalche;
Boʼeez Ruut irraa Yoobeedin dhalche;
Yoobeed Isseeyin dhalche;
Isseey Daawit Mooticha dhalche.
 
Daawit niitii Uuriyaa irraa Solomoonin dhalche;
Solomoon Rehooboʼaamin dhalche;
Rehooboʼaam Abiyaa dhalche;
Abiyaan Asaafin dhalche;
Asaaf Yehooshaafaaxin dhalche;
Yehooshaafaax Yehooraamin dhalche;
Yehooraam Uziyaan dhalche;
Uziyaan Yootaamin dhalche;
Yootaam Akaazin dhalche;
Akaaz Hisqiyaasin dhalche;
10 Hisqiyaas Minaasee dhalche;
Minaaseen Aamoonin dhalche;
Aamoon Yosiyaasin dhalche;
11 Yosiyaas bara boojuu Baabilon keessa, Yekooniyaanii fi obboloota isaa dhalche.
 
12 Boojuu Baabilon booddee,
Yekooniyaan Sheʼaltiiʼeelin dhalche;
Sheʼaltiiʼeel Zarubaabelin dhalche;
13 Zarubaabel Abiyuudin dhalche;
Abiyuud Eliyaaqeemin dhalche;
Eliyaaqeem Azoorin dhalche;
14 Azoor Zaadoqin dhalche;
Zaadoq Akiimin dhalche;
Akiim Eliyuudin dhalche;
15 Eliyuud Eleʼaazaarin dhalche;
Eleʼaazaar Maattaanin dhalche;
Maattaan Yaaqoobin dhalche;
16 Yaaqoob Yoosefin dhalche; Yoosef kunis dhirsa Maariyaam ishee Yesuus isa Kiristoos jedhamu deesse sanaa ti.
 
17 Egaa walumaa galatti Abrahaamii hamma Daawititti dhaloota kudha afur, Daawitii hamma boojuu Baabilonitti dhaloota kudha afur, boojuu Baabilonii hamma Kiristoosiitti dhaloota kudha afurtu ture.
Dhalachuu Yesuus Kiristoos
18 Dhalachuun Yesuus Kiristoos akkana ture: Haati isaa Maariyaam kaadhima Yoosef turte; isheenis utuu Yoosef wajjin wal bira hin gaʼin Hafuura Qulqulluudhaan ulfooftee argamte. 19 Yoosef kaadhimni ishee sunis nama qajeelaa waan tureef, dhoksaadhaan ishee dhiisuu murteesse malee uummata duratti ishee qaanessuu hin barbaanne.
20 Utuu inni waan kana yaadaa jiruu, ergamaan Gooftaa abjuu keessa itti mulʼatee akkana jedheen; “Yaa Yoosef ilma Daawit, kaadhimni kee Maariyaam Hafuura Qulqulluudhaan waan ulfoofteef ishee fuudhuu hin sodaatin. 21 Isheen ilma deessi; atis maqaa isaa Yesuus jettee ni moggaafta; inni saba isaa cubbuu isaanii irraa ni fayyisaatii.”
22 Kun hundinuu akka wanni Gooftaan karaa raajichaatiin dubbate sun raawwatamuuf taʼe. 23 Innis, “Kunoo, durbi tokko ni ulfoofti; ilma ni deessi; maqaa isaas Amaanuʼel jedhu”* jedha. Amaanuʼel jechuunis, “Waaqni nu wajjin jira” jechuu dha.
24 Yoosefis hirribaa dammaqee akkuma ergamaan Gooftaa isa ajajetti Maariyaamin niitummaadhaan mana isaatti fudhate. 25 Garuu inni hamma isheen ilma deessutti ishee bira hin geenye. Maqaa isaas, “Yesuus” jedhee moggaase.
* 1:23 1:23 Isa 7:14