Tasaloniiqee
Tokkoffaa
1
Nagaa Gaafachuu
Phaawulos, Silwaanosii fi Xiimotewos irraa,
 
Gara waldaa kiristaanaa warra Tasaloniiqee kan Waaqa Abbaatii fi kan Gooftaa Yesuus Kiristoos taateetti:
 
Ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.
 
Amantii Warra Tasaloniiqeetiif Galateeffachuu
Nu kadhannaa keenya keessatti maqaa keessan dhoofnee yeroo hunda waaʼee hunda keessaniitiif Waaqa ni galateeffanna. Nu hojii amantii keessanii, dadhabbii jaalala keessanii fi obsa abdii keessanii kan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti qabdan sana Waaqa keenyaa fi Abbaa keenya duratti ittuma fufnee ni yaadanna.
Yaa obboloota Waaqaan jaallatamtan, nu akka inni isin filate beeknaatii; wangeelli keenya humnaan, Hafuura Qulqulluu fi amansiisa guddaan malee dubbii afaanii qofaan gara keessan hin dhufneetii. Nu isiniif jennee akkamitti akka isin gidduu jiraanne ni beektu. Isinis fakkeenya keenyaa fi fakkeenya Gooftaa duukaa buutaniirtu; utuma dhiphina guddaa keessa jirtanuus gammachuu Hafuurri Qulqulluun isinii kennuun dubbicha fudhattaniirtu. Kanaanis amantoota Maqedooniyaa fi Akaayaa jiran hundaaf fakkeenya taatanii jirtan. Dubbiin Gooftaa isin biraa baʼee Maqedooniyaa fi Akaayaa qofatti hin dhagaʼamne; amantiin isin Waaqatti qabdanis lafa hunda gaʼeera. Kanaafuu waaʼee isaa homaa dubbachuu nu hin barbaachisu; isin simannaa akkamii akka nuu gootan isaanuu ni dubbatuutii. Isaan akkamitti akka isin Waaqa jiraataa fi Waaqa dhugaa tajaajiluuf jettanii waaqota tolfamoo irraa gara Waaqaatti deebitanis ni himu; 10 akkasumas Ilma isaa isa inni warra duʼan keessaa kaase jechuunis Yesuus isa dheekkamsa dhufu jalaa nu baasu sana akka samii irraa eeggattan ni himu.