6
Adabbii Tulluuwwan Israaʼel Eeggatu
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: “Yaa ilma namaa, fuula kee gara tulluuwwan Israaʼelitti deebifadhuutii isaaniin mormuudhaan raajii dubbadhu; akkanas jedhi; ‘Yaa tulluuwwan Israaʼel, dubbii Waaqayyo Gooftaa dhagaʼaa. Waaqayyo Gooftaan tulluuwwanii fi gaarraniin, hallayyaawwanii fi sululawwaniin akkana jedha: Ani goraadee isinitti fiduufan jira; iddoowwan sagadaa keessan kanneen iddoo ol kaʼaa irraa illee nan balleessa. Iddoowwan aarsaa keessan ni diigamu; iddoowwan aarsaa keessanii kan ixaanaa ni caccabu; anis namoota keessan fuula waaqota keessan tolfamoo duratti nan gorraʼa. Reeffa Israaʼelootaa fuula waaqota isaanii tolfamoo dura nan ciciibsa; lafee keessanis naannoo iddoo aarsaa keessaniitti nan bittinneessa. Akka iddoowwan aarsaa keessanii diigamanii barbadeeffamaniif, akka waaqonni keessan tolfamoon caccabanii hunkutaaʼaniif, akka iddoowwan aarsaa keessanii kan ixaanaa burkuteeffamanii fi akka hojiin harka keessanii balleeffamuuf iddoo isin jiraattan hunda keessatti magaalaawwan keessan ni onu; iddoowwan sagadaa keessan kanneen iddoowwan ol kaʼoo irraas ni barbadeeffamu. Namoonni keessan qalamanii gidduu keessanitti harcaʼu; isinis akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
“ ‘Ani garuu yommuu isin biyyootaa fi saboota gidduutti bittinnooftanitti sababii isin keessaa gariin goraadee jalaa miliqxaniif, namoota muraasa nan hambisa. Warri miliqan sun saboota itti boojiʼaman sana keessa taaʼanii yaada isaanii ejjaa isa narraa garagalee fi ija isaanii isa waaqota isaanii tolfamoo dharraʼe sanaan hammam akka na gaddisiisan ni yaadatu. Isaanis hammina hojjetanii fi gochawwan isaanii jibbisiisoo hundaaf of jibbu. 10 Isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku; ani waan hamaa kana isaanittin fida jedhee akkasumaan hin dubbanne.
11 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Sababii hamminaatii fi gochaawwan jibbisiisoo mana Israaʼel hundaatiif isaan goraadeedhaan, beelaa fi dhaʼichaan ni dhumuutii harka kee walitti rukutii, miilla keetiinis lafa dhiitii, “Ani bade!” jedhii booʼi. 12 Inni fagoo jiru dhaʼichaan ni duʼa; kan dhiʼoo jirus goraadeedhaan ni galaafatama; kan hafee fi kan miliqe immoo beelaan duʼa. Anis haala kanaan dheekkamsa koo isaanitti nan roobsa. 13 Isaan yeroo namoonni isaanii naannoo iddoowwan aarsaa isaaniitti, waaqota isaanii tolfamoo gidduutti, gaarran ol dhedheeroo hunda irratti, fiixee tulluuwwanii hunda irratti, mukkeen lalisoo hunda jalattii fi qilxuu baala baayʼatu hunda jalatti jechuunis iddoowwan isaan itti waaqota isaanii tolfamoo sanaaf ixaana urgaaʼaa aarsan hundatti gorraʼamanii ciciisanitti, akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku. 14 Anis harka koo isaanitti nan kaasa; iddoo isaan jiraatan hundatti jechuunis gammoojjiidhaa jalqabee hamma Diblaatiitti biyyattii nan onsa. Isaanis akka ani Waaqa taʼe ni beeku.’ ”