46
“ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Karri oobdii gara keessaa kan baʼa biiftuutti garagalu guyyaa hojii jaʼanuu cufamuu qaba; gaafa Sanbataatii fi guyyaa Ayyaana Baatii garuu banamuu qaba. Bulchaan sun karaa gardaafoo balbalaatiin ol galee dhaaba balbalaa bira dhaabachuu qaba. Luboonni immoo aarsaa isaa kan gubamuu fi aarsaa isaa kan nagaa dhiʼeessuu qabu. Innis buusaa karraa duratti sagadee ergasii gad baʼuu qaba; karri sun garuu hamma galgalaatti hin cufamu. Guyyoota Sanbataattii fi Baatii Haaraatti sabni biyyattii karra ittiin ol seenan irratti fuula Waaqayyoo duratti sagaduu qaba. Aarsaan gubamu kan bulchaan sun guyyaa Sanbataatiin Waaqayyoof fidu xobbaallaawwan hoolaa jaʼaa fi korbeessa hoolaa tokko, kanneen hundi isaanii mudaa hin qabne taʼuu qabu. Kennaan midhaanii kan korbeessa hoolaa wajjin kennamu sun iifii* tokko, kennaan midhaanii kan xobbaallaawwan hoolaa wajjin kennamu immoo akkuma bulchaan sun fedhetti taʼee tokkoo tokkoo iifii sanaatti zayitiin iiniin tokko dabalamee dhiʼeeffamuu qaba. Innis guyyaa Baatii Haaraatti dibicha tokko, xobbaallaawwan hoolaa jaʼaa fi korbeessa hoolaa tokko, kanneen hundi isaanii iyyuu mudaa hin qabne dhiʼeessuu qaba. Iifii tokko korma loonii wajjin, iifii tokko korbeessa hoolaa wajjin, xobbaallaawwan hoolaa wajjin immoo akkuma bulchaan sun kennuu fedhetti kennaa midhaanii godhee tokkoo tokkoo iifii sanaatti zayitii iinii tokko dabalee dhiʼeessuu qaba. Bulchaan sun yeroo ol seenutti karaa gardaafoo karra sanaatiin seenuu, karuma sanaanis gad baʼu qaba.
“ ‘Yoo sabni biyyattii guyyaa ayyaana murteeffameetti fuula Waaqayyoo duratti dhiʼaatutti namni waaqeffachuudhaaf karra gama kaabaatiin ol seenu kam iyyuu, karra gama kibbaatiin baʼuu qaba; namni karra gama kibbaatiin seenu kam iyyuus karra gama kaabaatiin baʼuu qaba; namni kam iyyuu karra karra sanatti dugda galee jiruun baʼuu qaba malee karra ittiin seene sanaan baʼuu hin qabu. 10 Bulchaan sunis isaan gidduu jiraachuu qaba; inni yeroo isaan ol seenanitti seenee yeroo isaan gad baʼanitti baʼa.
11 “ ‘Guyyoota ayyaanaatii fi ayyaanota murteeffamaniif, kennaan midhaanii iifii tokko dibicha tokko wajjin, iifii tokko korbeessa hoolaa tokko wajjin, xobbaallaawwan hoolaa wajjin immoo akkuma namichi sun kennuu fedhetti tokkoo tokkoo iifiitti zayitii iinii tokko dabalee dhiʼeessuu qaba. 12 Yommuu bulchaan fedhii isaatiin Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessutti jechuunis yommuu aarsaa gubamu yookaan aarsaa nagaa dhiʼeessutti karri gara baʼa biiftuutti garagaluu isaaf banamuu qaba. Inni akkuma guyyaa Sanbataa godhu sana aarsaa isaa kan gubamu yookaan aarsaa isaa kan nagaa dhiʼeessuu qaba. Ergasii inni baʼee deema; erga inni deemee booddee karri sun ni cufama.
13 “ ‘Ati guyyuma guyyaan xobbaallaa hoolaa waggaa tokkoo kan mudaa hin qabne aarsaa gubamu gootee Waaqayyoof dhiʼeessuu qabda; waan kanas ganama ganama dhiʼeessita. 14 Kana wajjinis daakuu midhaanii iifii jaʼa keessaa tokko, daakuu sana jiisuufis zayitii iinii sadii keessaa tokko itti dabaltee ganama ganama kennaa midhaanii dhiʼeessuu qabda; kennaa midhaanii kana Waaqayyoof dhiʼeessuun sirna baraa baraa ti. 15 Kanaafuu xobbaallaan hoolaa, kennaan midhaaniitii fi zayitiin aarsaa gubamu kan yeroo hundaatiif ganama ganama haa dhiʼeeffamu.
16 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yoo bulchaan sun dhaala isaa irraa ilmaan isaa keessaa isa tokkoof kenne dhaalli sun sanyii isaatiifis ni taʼa; kunis dhaalaan handhuuraa isaanii taʼa. 17 Haa taʼu malee yoo bulchaan sun dhaala isaa irraa garboota isaa keessaa isa tokkoof kenne garbichi sun hamma waggaan inni itti bilisoomu gaʼutti kan isaa ti; sana booddee dhaalli sun bulchaa sanaaf deebiʼa. Dhaalli isaa ilmaan isaa qofaaf taʼa; dhaalli sun kan isaanii ti. 18 Bulchaan sun qabeenya isaa irraa isaan buqqisee dhaala sabaa kam iyyuu fudhachuu hin qabu. Akka sabni koo kam iyyuu qabeenya isaa irraa hin buqqifamneefis inni qabeenya isaa irraa ilmaan isaatiif dhaala isaanii kennuu qaba.’ ”
19 Ergasii namichi sun balbala isa karra gara dareewwan qulqulluu gara kaabaatti garagalanii jiran kanneen lubootaaf kennamanitti geessu cina jiru keessaan na baasee moggaa gara dhiʼaatiin iddoo tokko natti argisiise. 20 Innis akkana naan jedhe; “Iddoon kun iddoo itti luboonni uummata qulqulleessuuf jedhanii akka aarsaan gara oobdii alaatti gad hin baafamneef aarsaa yakkaatii fi aarsaa cubbuu bilcheessanii kennaa midhaanii immoo itti tolchanii dha.”
21 Innis ergasii gara oobdii alaatti na baasee golee isaa afran irra na naannesse; ani immoo tokkoo tokkoo golee sanaa keessatti oobdii biraa nan arge. 22 Goleewwan oobdii alaa afran keessa oobdiiwwan xixinnaatu ture; isaanis lafa irra dheerina dhundhuma afurtamaa fi balʼina dhundhuma soddoma qabu; balʼinni tokkoo tokkoo oobdiiwwan goleewwan afran keessa jiranii wal qixxee ture. 23 Naannoo tokkoo tokkoo goleewwan afranii keessa marsaa dhagaa kan naannoo isaa jalatti iddoon ibiddaa jiru tokkotu ijaaramee ture. 24 Innis, “Isaan kunneen manneen warri mana qulqullummaa keessa tajaajilan aarsaawwan sabaa itti bilcheessanii dha” naan jedhe.
* 46:5 46:5 Iifiin tokko kiiloo giraamii 40. 46:5 46:5 Iiniin tokko liitiroo 6.