44
Bulchaa, Lewwota, Luboota
Sana booddee namichi sun balbala iddoo qulqulluu kan karaa alaatiin gara baʼa biiftuutti garagalutti deebisee na fide; balballi sunis cufamee ture. Waaqayyo akkana naan jedhe; “Balballi kun cufamee hafa; inni banamuu hin qabu; namni tokko iyyuu achiin hin seenu. Sababii Waaqayyo Waaqni Israaʼel karaa sanaan seeneef, balballi sun cufamee hafa. Namni fuula Waaqayyoo duratti waa nyaachuuf karra ittiin seenan keessa taaʼuu dandaʼu bulchaa sana qofa. Inni karra ittiin gardaafoo seenan sanaan ol galee achumaan gad baʼuu qaba.”
Namichi sun karra kaabaatiin gara fuullee mana qulqullummaatti na fide. Anis milʼadheen akka ulfinni Waaqayyoo mana qulqullummaa Waaqayyoo guute arge; adda kootiinis lafattan gombifame.
Waaqayyo akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, waaʼee danbiiwwan mana qulqullummaa Waaqayyoo waan ani sitti himu hunda hubadhuu ilaali; sirriitti dhaggeeffadhu; qalbeeffadhus. Waaʼee karra ittiin mana qulqullummaa seenaniitii fi karra ittiin iddoo qulqulluudhaa baʼanii hunda yaadatti qabadhu. Mana Israaʼel fincilaa sanaan akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa mana Israaʼel, hojiin keessan jibbisiisaan sun haa gaʼu! Hojiiwwan keessan jibbisiisoo kaan hundatti dabaltanii alagoota yaada garaa fi fooniin dhagna hin qabatin iddoo qulqulluu kootti galchitan; nyaata, coomaa fi dhiiga naaf dhiʼeessuudhaan mana qulqullummaa koo xureessitan; kakuu koos cabsitan. Isin itti gaafatamummaa wantoota koo qulqulluu irratti qabdan fiixaan baasuu diddanii iddoo koo qulqulluu irratti alagoota muuddatan. Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Alagaan yaada garaa fi fooniin dhagna hin qabatin iddoo koo qulqulluu sana seenuu hin qabu; alagoonni Israaʼeloota gidduu jiraatan iyyuu seenuu hin qaban.
10 “ ‘Lewwonni warri yeroo Israaʼeloonni narraa jalʼatanitti waaqota isaanii duukaa buʼuudhaan jooran cubbuu isaaniitti gaafatamuu qabu. 11 Isaan itti gaafatamummaa karrawwan mana qulqullummaa qabaachuudhaan, isa keessas tajaajiluudhaan iddoo qulqulluu koo keessa tajaajiluu dandaʼu; qalma gubamu qalanii maqaa uummataatiin dhiʼeessuu, fuula uummataa dura dhaabataniis uummata tajaajiluu ni dandaʼu. 12 Garuu sababii isaan fuula waaqota isaanii duratti uummata tajaajilanii mana Israaʼel cubbuudhaan kuffisaniif ani akka isaan cubbuu isaaniitti gaafatamaniif harka ol kaafadhee kakadheera, jedha Waaqayyo Gooftaan. 13 Isaan luboota taʼanii na tajaajiluuf natti dhiʼaachuu hin qaban yookaan wantoota koo qulqulluu kamitti iyyuu yookaan aarsaawwan koo kanneen aarsaawwan hunda caalaa qulqulluu taʼanitti dhiʼaachuu hin qaban; qaanii hojiiwwan isaanii jibbisiisoo baadhachuu qabu. 14 Taʼus ani akka isaan itti gaafatama mana qulqullummaa qabaataniif, akka isaan hojii isaa hunda hojjetanii fi waan achi keessatti hojjetamuu qabu hunda hojjetaniif isaan nan muuda.
15 “ ‘Luboonni warri Lewwotaa fi sanyii Zaadoq taʼanii fi warri yeroo Israaʼeloonni karaa koo irraa jalʼatanitti hojii iddoo qulqulluu koo amanamummaadhaan deemsisan fuula koo dura tajaajiluudhaaf dhiʼaachuu qabu; coomaa fi dhiigas aarsaa godhanii dhiʼeessuuf fuula koo dura dhaabachuu qabu, jedha Waaqayyo Gooftaan. 16 Iddoo qulqulluu koo isaan qofatu seenuu qaba; isaan qofatu na tajaajiluu fi hojii koo hojjechuuf maaddii kootti dhiʼaachuu qaba.
17 “ ‘Isaan yeroo karra oobdii gara keessaatiin seenanitti wayyaa quncee talbaa irraa dhaʼame uffachuu qabu; yeroo karra oobdii gara keessaa dura yookaan mana qulqullummaa keessa tajaajilanitti wayyaa suufii irraa dhaʼame kam iyyuu uffachuu hin qaban. 18 Isaan marata quncee talbaa irraa dhaʼame mataa isaaniitti maratanii wayyaa jalaa kan quncee talbaa irraa dhaʼame mudhii isaaniitti hidhachuu qabu. Wayyaa isaan dafqisiisu kam iyyuu uffachuu hin qaban. 19 Isaan yeroo gara oobdii alaa iddoo uummanni jirutti gad baʼanitti uffata ittiin tajaajilaa turan sana of irraa baasanii dareewwan qulqulluu keessa kaaʼuu qabu; akka uffata isaaniitiin uummata hin qulqulleessineefis uffata biraa uffachuu qabu.
20 “ ‘Rifeensa mataa isaanii haaddachuu yookaan guddisuu hin qaban; garuu rifeensa mataa isaanii murachuu qabu. 21 Lubni kam iyyuu yeroo oobdii gara keessaa seenutti daadhii wayinii dhuguu hin qabu. 22 Isaan haadha hiyyeessaa yookaan niitii dhirsi hiike fuudhuu hin qaban; durba sanyii Israaʼel yookaan niitii lubni irraa duʼe qofa fuudhuu dandaʼu. 23 Isaan garaa garummaa waan qulqulluu fi waan qulqulluu hin taʼin gidduu jiru saba koo barsiisanii akka isaan waan xuraaʼaa fi waan qulqullaaʼaa addaan baafatan itti argisiisuu qabu.
24 “ ‘Falmii kam iyyuu keessatti luboonni akka abbootii seeraatti haa tajaajilan; akka sirna koottis haa murteessan. Isaan seera koo fi ajaja koo kan ayyaana kootiif murteeffame hundaaf kenname sana eeguu qabu; Sanbatoota koos qulqulleessanii eeguu qabu.
25 “ ‘Lubni tokko nama duʼetti dhiʼaachuudhaan of xureessuu hin qabu; haa taʼu malee yoo namni duʼe sun abbaa isaa yookaan haadha isaa, ilma isaa yookaan intala isaa, obboleessa isaa yookaan obboleettii isaa kan hin heerumin taʼe garuu inni of xureessuu dandaʼa. 26 Inni erga qulqullaaʼee booddee guyyaa torba eeguu qaba. 27 Innis gaafa iddoo qulqulluu keessa tajaajiluuf oobdii iddoo qulqulluu isa gara keessaa seenutti aarsaa cubbuu waaʼee ofii isaatiif dhiʼeessuu qaba, jedha Waaqayyo Gooftaan.
28 “ ‘Dhaalli luboonni qaban anuma qofa. Isin Israaʼel keessatti qabeenya tokko illee isaaniif kennuu hin qabdan; ani qabeenya isaanii nan taʼa. 29 Isaan kennaa midhaanii, aarsaa cubbuutii fi aarsaa yakkaa ni nyaatan; wanni Israaʼel keessaa Waaqayyoof kenname hundi kan isaanii ni taʼa. 30 Mataa oomisha midhaanii keessaa filatamaan hundii fi kennaan keessan kan addaa hundinuu kan lubootaa ti. Akka eebbi warra mana keessan jiraataniif dhufuuf, daakuu keessan keessaa kan jalqabaa isaaniif kennuu qabdu. 31 Luboonni simbira yookaan horii, waan duʼee argame yookaan kan bineensi madeesse kam iyyuu nyaachuu hin qaban.