41
Ergasiis gara mana qulqullummaatti na fidee tuggeewwan isaa safare; balʼinni tuggeewwan sanaas qixa hundaanuu dhundhuma jaʼa jaʼa ture. Balʼinni balbala isaa dhundhuma kudhan, balʼinni isaa immoo karaa hundaan dhundhuma shan shan ture. Akkasumas inni karaa mana qulqullummaa kan gara alaa safare; innis dhundhuma afurtama dheeratee balʼinni isaa immoo dhundhuma digdama ture.
Sana booddee gara mana qulqullummaa isa gara keessaa seenee utubaawwan balbalaa safare; tokkoon tokkoon isaaniis dhundhuma lama lama babalʼatu ture. Balballi isaa dhundhuma jaʼa balʼatee qixa hundaanuu dhundhuma torba torba balʼata ture. Lafa irra dheerina mana qulqullummaa isa gara keessaas ni safare; innis fiixee tokko irraa hamma fiixee kaaniitti dhundhuma digdama dheeratee balʼinni isaa immoo dhundhuma digdama ture. Innis, “Kun Iddoo Qulqullummaa kan Hunda Caaluu dha” naan jedhe.
Ergasii immoo keenyan mana qulqullummaa safare; innis yabbinna dhundhuma jaʼa qaba ture; balʼinni dareewwanii kan naannoo mana qulqullummaa biraas dhundhuma afur afur ture. Dareewwan sunis darbii sadiitti qoodamanii wal irratti ijaaraman; tokkoon tokkoon darbii immoo dareewwan soddoma soddoma qaba ture. Dareewwan sana deeggaruufis naannoo keenyan mana qulqullummaa tuggeewwantu ture; tuggeewwan sun garuu keenyan mana qulqullummaa deeggaruuf keessa hin suuqamne. Dareewwan mana qulqullummaa bira jiran sunis darbiidhaa gara darbiitti babalʼachaa deemu turan. Ijaarsi mana qulqullummaa marsee jiru waan gadii gara oliitti ijaarameef dareewwan sun akkuma ol baʼaa deemaniin babalʼatu turan. Gulantaan tokkos darbii gadiitii jalqabee darbii walakkaa keessa baʼee gara darbii oliitti baasa ture.
Akkasumas manni qulqullummaa sun naannoo isaatii madabii ol kaʼaa akka qabu nan arge; madabiin sunis dareewwan sanaaf hundee taʼe. Hundeen sunis lafa irra dheerina ulee tokkoo jechuunis dhundhuma jaʼa qaba ture. Keenyan dareewwan sanaa gara alaatiin dhundhuma shan yabbata ture. Iddoon duwwaan dareewwan mana qulqullummaatii fi 10 dareewwan lubootaa gidduu jiru kan naannoo mana qulqullummaa guutumaan guutuutti dhundhuma digdama balʼata ture. 11 Iddoo duwwaa sana irraa jalqabees balbalawwan dareewwan sanatti ol seensisan, tokko karaa kaabaa, kaan immoo karaa kibbaa turan; madabiin iddoo duwwaa sana marsee jiru dhundhuma shan balʼata ture.
12 Ijaarsi oobdii mana qulqullummaatti garagalee jiruu karaa dhiʼaatiin dhundhuma torbaatama balʼata. Keenyan ijaarsa sanaas dhundhuma shan yabbata; dheerinni isaas dhundhuma sagaltama ture.
13 Ergasii inni mana qulqullummaa safare; dheerinni isaas dhundhuma dhibba tokko ture; oobdiin mana qulqullummaatii fi ijaarsi sun keenyan isaa wajjin dhundhuma dhibba tokko dheerata ture. 14 Balʼinni oobdii mana qulqullummaa kan karaa baʼaatiin jiru iddoo fuullee mana qulqullummaa dabalatee dhundhuma dhibba tokko ture.
15 Ergasiis inni dheerina ijaarsaa kan gara oobdii isa mana qulqullummaa duubaatti garagalee jiru keenyan gama lamaanii dabalatee safare; innis dhundhuma dhibba tokko ture.
Manni qulqullummaa kan gara alaa, kan gara keessaatii fi gardaafoon gara oobdiitti garagalee jiru, 16 akkasumas waltajjiiwwan, foddaawwan dhidhiphoonii fi darbiiwwan naannoo sadan isaanii jiran kan waltajjiin oliitii fi waltajjiin mataan isaa mukaan haguugamee ture. Lafti isaa, keenyan hamma foddaawwaniitti jiruu fi foddaawwan haguugamanii turan. 17 Keessa iddoo balbala mana qulqullummaa gubbaan jiruu fi naannoo keenyan mana qulqullummaa kan gara keessaatii fi kan gara alaa irratti 18 fakkiin kiirubeelii fi mukkeen meexxii tolfamanii turan. Mukkeen meexxii sunis kiirubeel gidduutti tolfaman. Tokkoon tokkoon kiirubis fuula lama lama qaba ture: 19 Fuulli namaa tokko gara muka meexxii kan gama tokkoon jirutti garagalee ture; fuulli leencaa immoo gara muka meexxii kan gama kaaniitti garagalee ture. Isaanis guutumaan guutuutti mana qulqullummaa irratti marfamanii tolfamanii turan. 20 Lafa mana qulqullummaa keessaa hamma balbala gubbaa jiruutti kiirubeelii fi mukkeen meexxii keenyan mana qulqullummaa isa gara alaa irratti tolfamanii turan.
21 Manni qulqullummaa karaa alaatiin hidhii balbalaa kan roga afurii qaba ture; hidhiin balbalaa kan Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe fuuldura jirus wal fakkaata ture. 22 Iddoo aarsaa kan muka irraa tolfame kan ol dheerinni isaa dhundhuma sadii, lafa irra dheerinni isaa dhundhuma lamaa fi balʼinni isaa immoo dhundhuma lamaatu ture; goleewwan isaa, madabiin isaatii fi cinaachi isaa muka irraa tolfame. Namichi sunis, “Maaddiin kun maaddii fuula Waaqayyoo dura jiruu dha” naan jedhe. 23 Manni qulqullummaa inni gara alaatii fi Iddoon Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sun balbala lama lama qabu turan. 24 Tokkoon tokkoon balbala sanaas saanqaawwan lama lama qaba ture; tokkoon tokkoon balbala sanaas saanqaawwan qabsiiftuu qaban lama lama qaba ture. 25 Balbalawwan mana qulqullummaa isa gara alaa irratti kiirubeelii fi mukkeen meexxii akkuma keenyan manaa irratti tolfaman sana tolfamanii turan; gardaafoo sana fuula duraanis dibaabee mukaa tokkotu ture. 26 Keenyan bitaa fi mirgaa kan gardaafoo sanaa irra foddaawwan dhidhiphoo kanneen bitaa mirgaan mukkeen meexxiitiin faayeffamantu ture. Dareewwan mana qulqullummaa kanneen bitaa fi mirgaas dibaabeewwan qabu turan.