32
Faaruu Booʼichaa Faraʼooniif Faarsame
Waggaa kudha lammaffaatti, jiʼa kudha lammaffaa keessa, guyyaa tokkoffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: “Yaa ilma namaa, waaʼee Faraʼoon mooticha Gibxi faaruu baasiitii akkana jedhi:
“ ‘Ati saboota gidduutti akka leencaa ti;
galaanota keessatti immoo bineensa akka jawwee ti;
ati lageen borcita;
miilla keetiin bishaan ni booressita;
lageenis ni dhoqqeessita.
“ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha:
“ ‘Gumii namoota baayʼee keessatti
ani kiyyoo koo sitti nan darbadha;
isaanis kiyyoo kootiin harkisanii si baasu.
Ani lafatti sin gata;
bakkeettis sin darbadha.
Akka simbirroonni samii hundi sirra qubatan,
akka bineensonni lafaa hundinuus si nyaatanii quufan nan godha.
Ani foon kee tulluuwwan irratti nan bittinneessa;
raqa keetiinis sululawwan nan guuta.
Hamma tulluuwwan bira gaʼutti
dhiiga kee kan lolaʼuun biyyattii nan guuta;
sululawwanis foon keetiin ni guutamu.
Ani yommuun si balleessutti samiiwwan nan haguuga;
urjiiwwan isaanii immoo nan dukkaneessa;
aduu duumessaan nan haguuga;
jiʼis ifa isaa hin kennu.
Ifawwan calaqqisoo samii irra jiran hunda sitti nan dukkaneessa;
ani biyya kee irra dukkana nan buusa,
jedha Waaqayyo Gooftaan.
Ani yeroon boojuu godhee
saboota gidduutti gara biyyoota ati hin beekiniitti si ergutti
garaa saboota hedduu nan dhiphisa.
10 Ani yeroon goraadee koo fuula isaanii duratti mirmirsutti
akka namoonni hedduun si arganii naʼan,
akka mootonni isaaniis waaʼee keetiif sodaadhaan hollatan nan godha.
Guyyaa kufaatii keetii
tokkoon tokkoon isaanii
yeruma yeroon lubbuu isaaniitiif ni kirkiru.
11 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii:
“ ‘Goraadeen mootii Baabilon
sitti dhufa.
12 Ani akka namoonni kee hedduun
goraadee namoota jajjabootiin jechuunis
kanneen saboota hunda keessaa akka malee hamoo taʼan sanaatiin
dhuman nan godha.
Isaan of tuulummaa Gibxi ni balleessu;
waldoonni ishee hundinuus ni barbadeeffamu.
13 Bishaanota baayʼee biraa
loon ishee hunda nan fixa;
siʼachi miilli namaa hin booressu
yookaan kotteen loonii hin dhoqqeessu.
14 Ergasii bishaan ishee akka qulqullaaʼu,
lageen ishee immoo akkuma zayitii akka dhangalaʼan nan godha,
jedha Waaqayyo Gooftaan.
15 Gaafa ani biyya Gibxi onsee
biyyattiin waan ishee keessa jiru hunda dhabdutti,
yommuu ani waan achi jiraatu hunda dhaʼutti
isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’
16 “Faaruun isaan isheef faarsan kana. Intallan sabootaas ni faarsu; biyyi Gibxii fi waldaan ishee hundi ni faarsu, jedha Waaqayyo Gooftaan.”
17 Waggaa kudha lammaffaatti, jiʼa tokkoffaa keessa, guyyaa kudha shanaffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: 18 “Yaa ilma namaa, waldaa namoota Gibxiif wawwaadhu; ishee fi intallan saboota jajjaboo kanneen boolla buʼanitti dabaliitii qileetti darbadhu. 19 Akkanas isaaniin jedhi; ‘Ati eenyu caalaa miidhagda? Gad buʼiitii warra dhagna hin qabanne sana gidduu ciisi.’ 20 Isaan warra goraadeedhaan ajjeefaman gidduutti kufu. Goraadeen luqqifameera; isheen waldaa namoota ishee hunda wajjin lafa irra haa harkifamtu. 21 Hooggantoonni jajjaboon awwaala keessaa waaʼee Gibxii fi waaʼee tumsitoota ishee, ‘Isaan gad buʼaniiru; warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeedhaan qalaman wajjin ciciisaniiru’ jedhu.
22 “Asoor loltoota ishee hunda wajjin achi jirti; isheenis awwaala namoota ishee warra qalaman hundaa kanneen goraadeedhaan dhuman hundaatiin marfamteerti. 23 Awwaalli isaanii boolla qilee keessa; loltoonni ishees naannoo awwaala ishee ciciisaniiru. Warri biyya jiraattotaa keessatti sodaa faffacaasan hundi gorraʼamanii goraadeedhaan dhumaniiru.
24 “Eelaam waldaa namoota ishee kanneen naannoo awwaalaa ishee jiran hunda wajjin achi jirti. Hundi isaanii gorraʼamanii goraadeedhaan dhumaniiru. Warri biyya jiraattotaa keessa sodaa faffacaasan hundi utuu dhagna hin qabatin qilee keessa buʼaniiru. Isaan warra boolla buʼan wajjin qaanii isaanii baadhataniiru. 25 Waldaa namoota ishee kanneen naannoo awwaala ishee jiran hunda wajjin warra gorraʼaman gidduutti sireen isheedhaaf qopheeffameera. Hundi isaanii warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeen dhumanii dha. Sababii sodaan isaanii biyya jiraattotaa keessa faffacaʼeef, isaan warra boolla buʼan wajjin qaanii isaanii baadhataniiru; isaan warra gorraʼaman gidduu ciciisaniiru.
26 “Meshekii fi Tuubaal waldaa namoota ishee kanneen naannoo awwaala isaanii jiran hunda wajjin achi jiru. Hundi isaanii iyyuu warra dhagna hin qabatin kanneen sababii biyya jiraattotaa keessa sodaa faffacaasaniif goraadeedhaan dhumanii dha. 27 Isaan gootota dhuman kanneen dhagna hin qabatin kaan, warra miʼa lolaa isaanii wajjin awwaalaman kanneen goraadeewwan boraafatan wajjin hin ciciisanii? Sodaachisuun gootota kanneenii biyya jiraattotaa keessa jiraatu iyyuu adabbiin cubbuu isaaniitiif malu lafee isaanii irra buʼe.
28 “Yaa Faraʼoon, atis cabdee warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeedhaan ajjeefaman gidduu ni ciifta.
29 “Edoom, mootonni isheetii fi bulchitoonni ishee hundi achi jiru; isaan humna qabaatan iyyuu, warra goraadeedhaan ajjeefaman wajjin ciciisaniiru. Isaan warra dhagna hin qabatin kanneen boolla buʼan wajjin ciciisu.
30 “Bulchitoonni kaabaa hundii fi warri Siidoonaa hundi achi jiru; isaan warra jabina isaaniitiin goolii uumaa turan taʼan iyyuu warra gorraʼaman wajjin salphinaan gad buʼan. Utuu dhagna hin qabatin warra goraadeedhaan ajjeefaman wajjin ciciisu; warra boolla buʼan wajjinis salphina isaanii baadhatu.
31 “Faraʼoonii fi loltoonni isaa hundi jara argu; waldaan namoota isaa hundi goraadeedhaan ajjeefamani iyyuu inni of jajjabeessa, jedha Waaqayyo Gooftaan. 32 Ani akka inni biyya jiraattotaa keessa goolii faffacaasu godhu iyyuu, Faraʼoonii fi waldaan namoota isaa hundi warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeedhaan ajjeefaman gidduu ni ciciisu, jedha Waaqayyo Gooftaan.”