29
Raajii Gibxiin Mormuudhaan Dubbatame
Waggaa kurnaffaatti, jiʼa kurnaffaa keessa, guyyaa kudha lammaffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: “Yaa ilma namaa, fuula kee gara Faraʼoon mooticha Gibxitti garagalfadhuutii isaa fi warra Gibxi hundaan mormuudhaan raajii dubbadhu. Isatti dubbadhuutii akkana jedhiin: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha:
“ ‘Ati bineensi guddichi, kan lageen kee gidduu ciiftu,
yaa Faraʼoon mooticha Gibxi, ani sitti nan kaʼa.
Ati, “Lagni Abbayyaa kan koo ti;
anatu ofuma kootiif isa uummate” jetta.
Ani garuu haʼoo kee keessa hokkoo kaaʼee
akka qurxummiiwwan lageen keetii qola keetti maxxanan nan godha.
Ani qurxummiiwwan qola keetti maxxanan hunda wajjinis
lageen kee keessaa harkiseen si baasa.
Siʼii fi qurxummiiwwan lageen keetii hunda
gammoojjiitti nan gata.
Ati dirree duwwaa irratti ni kufta;
walitti hin qabamtu; hin awwaalamtus.
Ani bineensota lafaatii fi allaattii samiitiif
nyaata godheen si kenna.
Warri Gibxi keessa jiraatan hundis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
 
“ ‘Ati mana Israaʼeliif ulee shambaqqoo taateerta. Yommuu isaan harkaan si qabatanitti baqaqxee gatiittii isaanii waraante; yommuu isaan sitti irkatanittis ati caccabdee akka dugdi isaanii hollatu goote.
“ ‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani goraadee sitti fidee namoota keetii fi horii isaanii nan fixa. Gibxi duwwaa fi ona taati; isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
“ ‘Ati, “Lagni Abbayyaa kan koo ti; anatu isa uume” jetteertaatii; 10 kanaafuu ani sitti kaʼeera; lageen keettis kaʼeera; biyya Gibxis Migdoolii jalqabee hamma Aswaanitti, hamma daarii Itoophiyaatti diigamtuu fi ontuu nan godha. 11 Miilli namaa yookaan kotteen horii karaa sana hin darbu; namni tokko iyyuu hamma waggaa afurtamaatti ishee keessa hin jiraatu. 12 Ani biyyoota onan gidduutti biyya Gibxi nan onsa; magaalaawwan ishees magaalaawwan diigaman gidduutti waggaa afurtama ni onu. Namoota Gibxi immoo saboota keessa nan faffacaasa; biyyoota keessas isaan nan bittinneessa.
13 “ ‘Ammas Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Dhuma waggaa afurtamaatti ani namoota Gibxi saboota isaan itti bittinneeffaman keessaa walitti nan qaba. 14 Ani boojuudhaa isaan deebisee Phaxroos biyya abbootii isaaniitti isaan nan galcha. Achittis isaan mootummaa gad aanaa ni taʼu. 15 Isheenis mootummoota keessaa gad aantuu ni taati; deebitees saboota kaaniin olitti gonkumaa ol of hin kaaftu. Anis akka isheen lammata saboota kaan hin bulchineef ishee nan dadhabsiisa. 16 Biyyi Gibxi siʼachi uummata Israaʼeliif irkoo hin taatu; yoo isaan gargaarsaaf gara isheetti deebiʼan garuu isheen yaadannoo cubbuu isaanii taati. Ergasii isaan akka ani Waaqayyo Gooftaa taʼe ni beeku.’ ”
17 Waggaa digdamii torbaffaatti, jiʼa tokkoffaa keessa, guyyaa tokkoffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: 18 “Yaa ilma namaa, Nebukadnezar mootiin Baabilon duula jabaadhaan loltoota isaa Xiiroositti kaaseera; mataan nama hundaa molaaʼeera; gatiittiin nama hundaas luqqaʼeera. Taʼus innii fi loltoonni isaa duula jabaa Xiiroositti kaasaniin buʼaa tokko illee hin arganne. 19 Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani biyya Gibxi Nebukadnezar mootii Baabiloniif nan kenna; innis ishee boojiʼee qabeenya ishee saama. Kunis mindaa loltoota isaa taʼa. 20 Ani Gibxiin gatii dadhabbii isaa godhee isaaf kenneera; innii fi loltoonni isaa waan kana anaaf hojjetaniiruutii, jedha Waaqayyo Gooftaan.
21 “Ani Guyyaa sana akka manni Israaʼel gaanfa baasu nan godha; isaan gidduuttis afaan kee nan saaqa. Isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”