27
Faaruu Booʼichaa Xiiroosiif Godhame
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: “Yaa ilma namaa, waaʼee Xiiroos faarsii booʼi. Xiiroos ishee balbala galaanaa irra jiraattu, kan uummata qarqara galaanaa hundaaf daldaltuu taate sanaan akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha:
“ ‘Yaa Xiiroos,
ati, “Ani bareedinaan hirʼina hin qabu” jetta.
Daangaan kee garaa galaanaa keessa;
warri si ijaaran bareedduu hirʼina hin qabne si taasisaniiru.
Isaan laaxaa doonii keetii
birbirsa Seniirii dhufeen hojjetan;
utubaa doonii siif tolchuufis
Libaanoonii birbirsa fidan.
Qilxuu Baashaanii dhufeen
batoo kee hojjetan;
muka birbirsaa kan qarqara Qophiroosiitii dhufeen
lafa doonii keessaa ilka arbaatiin
miidhagsanii siif hojjetan.
Sharaan doonii keetii quncee talbaa
kan miidhagfamee biyya Gibxii dhufe ture;
innis akka faajjiitti si fayyade;
haguuggiin kees bifa cuquliisaa fi diimaa dhiilgee
kan qarqara Eliishaatii dhufe ture.
Mooqxonni kee namoota Siidoonaa fi Arwaadii dhufan turan;
yaa Xiiroos hayyoonni kee ooftota doonii keetii turan.
Ogeeyyiin Gebaal kanneen muuxannoo guddaa qaban,
qaawwa doonii keetii duuchuuf si gidduu turan.
Dooniiwwan galaanaatii fi ooftonni isaanii hundi,
si wajjin daldaluuf gara kee dhufu turan.
 
10 “ ‘Namoonni Faaresi, kan Luudii fi kan Fuuxii,
loltummaadhaan loltoota kee gidduu tajaajilan.
Isaanis si miidhagsuuf gaachanawwan isaanii fi
gonfoo isaanii si keessatti fannisan.
11 Namoonni Arwaadii fi Heeleekii
dallaa kee qixa hundaan eegan;
namoonni Gamaadii
gamoowwan kee keessa turan.
Gaachana isaaniis naannessanii dallaa keetti fannisan;
isaan bareedduu hanqina hin qabne si taasisan.
12 “ ‘Sababii guddina qabeenya keetiitiif Tarshiish si wajjin daldalaa turte; isaan meetii, sibiila, qorqorroo fi dilaalii fidanii si wajjin wal geeddaraa daldalaa turan.
13 “ ‘Giriik, Tuubaalii fi Meshek si wajjin daldalan; isaanis miʼoota gurguraa keetiin garbootaa fi miʼoota naasii geeddaru turan.
14 “ ‘Namoonni Beet Toogarmaa immoo fardeen feʼiisaa, fardeen lolaatii fi gaangoliidhaan miʼa kee kan daldalaa geeddaratu ture.
15 “ ‘Namoonni Dedaanii si wajjin daldalan; biyyoonni qarqara galaanaa baayʼeenis maamiloota kee turan; isaanis ilka arbaatii fi muka harsammeessaa siif baasan.
16 “ ‘Sababii ati oomisha guddaa qabduuf Sooriyaan si wajjin daldalti ture; isaanis maragdiin, uffata diimaa dhiilgeen, wayyaa faayeffameen, uffata quncee talbaa irraa hojjetame haphii isaatiin, elellaanii fi lula diimaadhaan miʼoota kee daldalaa geeddaratan.
17 “ ‘Yihuudaa fi Israaʼelis si wajjin daldalan; isaanis qamadii biyya Miiniiti, Maxinoo miʼaawaa, damma, zayitii fi baalmiin miʼa daldalaa kee geeddaratan.
18 “ ‘Sababii oomisha kee hedduutii fi qabeenya miʼa kee guddaa sanaatiif Damaasqoon daadhii wayinii Helbooniitii fi rifeensa hoolaa Zaahariitiin si wajjin daldalteerti. 19 Warri Daanii fi Yaawaan kanneen Oseelii dhufan miʼa daldalaa kee bitatan; isaanis sibiila baqfamee hojjetameen burgudii fi qarafaadhaan miʼoota daldalaa kee ni geeddarratu ture.
20 “ ‘Dedaan immoo uffata kooraa si wajjin daldalte.
21 “ ‘Biyyi Arabaatii fi ilmaan mootota Qeedaar hundi maamiloota kee turan. Isaanis xobbaallaa hoolaa, korbeeyyii hoolaatii fi reʼoota si wajjin daldalu turan.
22 “ ‘Daldaltoonni Shebaatii fi Raʼimaa si wajjin daldalaniiru; urgooftuuwwan gosa hundaa, dhagaawwan gati jabeeyyii fi warqeedhaan miʼoota daldalaa kee geeddarataniiru.
23 “ ‘Kaaraan, Kaneen, Eden, daldaltoonni Shebaa, Ashuurii fi Kilmaad si wajjin daldalaa turan. 24 Isaan iddoo gabaa keetii keessatti uffata mimmiidhagaa, uffata bifa cuquliisaa, uffata faayeffamee fi afaa halluu garaa garaa kan kirrii micciiramee jabeeffamee dhaʼameen daldalan.
25 “ ‘Dooniiwwan Tarshiish,
miʼoota kee kan daldalaa siif feʼan.
Ati walakkaa galaanaatti
feʼiisa ulfaataadhaan guutamteerta.
26 Mooqxonni kee,
gara galaana guddaatti si geessan.
Bubbeen baʼa biiftuu garuu
galaana walakkaatti si caccabsa.
27 Gaafa dooniin kee caccabutti
qabeenyi kee, meeshaan keetii fi miʼi daldalaa kee,
namoonni kee kanneen dooniidhaan hojjetan,
ooftonni dooniitii fi warri doonii haaromsan,
daldaltoonni keetii fi loltoonni kee hundi
namni doonii irra jiru biraa hundi
garaa galaanaa keessatti gad liqimfamu.
28 Yeroo ooftonni doonii keetii iyyanitti
biyyoonni qarqara galaanaa ni raafamu.
29 Warri batoo qabatan hundi,
warri doonii irra hojjetanii fi ooftonni doonii,
doonii isaanii irraa buʼanii
qarqara galaanaa dhaabatu.
30 Isaanis sagalee isaanii ol fudhatanii
hiqqifatanii siif booʼu;
mataa isaaniittis awwaara firfirsanii
daaraa keessa gangalatu.
31 Waaʼee keetiifis mataa haaddatanii
wayyaa gaddaa uffatu.
Lubbuu isaaniitiin akka malee hiqqifatanii
gadda guddaadhaan ni booʼu.
32 Isaanis yeroo wawwaatanii siif booʼanitti,
“Kan akka Xiiroos
galaanaan liqimfamee bade eenyu?”
jedhanii faaruu booʼichaa siif faarsu.
33 Yeroo miʼi daldalaa kee galaana irra ergamutti,
ati saboota hedduu quufsite;
qabeenya kee guddaa fi miʼa keetiin
mootota lafaa sooromsite.
34 Amma immoo ati galaana keessatti,
tujuba bishaanii keessatti caccabdeerta;
miʼoonni keetii fi miiltonni kee hundi
suma wajjin liqimfamaniiru.
35 Warri qarqara galaanaa jiraatan hundi
waaʼee keetiin rifataniiru;
mootonni isaanii sodaadhaan hollatanii
fuulli isaaniis naasuudhaan geeddarameera.
36 Daldaltoonni saboota gidduu jiran sitti siiqsu;
dhumni kee suukaneessaa taʼeera;
ati siʼachi bara baraan ni dhabamta.’ ”