20
Israaʼel Finciltuu
Waggaa torbaffaa, jiʼa shanaffaa keessa guyyaa kudhannaffaatti maanguddoota Israaʼel keessaa tokko tokko waan Waaqayyo jedhu gaafachuuf dhufanii fuula koo dura tataaʼan.
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe; “Yaa ilma namaa, akkana jedhii maanguddoota Israaʼelitti dubbadhu; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Isin yaada koo gaafachuu dhuftanii? Ani jiraataadhaatii, ani akka isin yaada koo gaafattaniif isinii hin eeyyamu, jedha Waaqayyo Gooftaan.’
“Ati isaanitti murtaa? Yaa ilma namaa, ati isaanitti murtaa? Ergasiis akka isaan hojiiwwan abbootii isaanii jibbisiisoo sana beekan godhi; akkanas isaaniin jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani gaafan Israaʼel filadhetti harka koo ol qabadhee sanyii mana Yaaqoobiif kakachuudhaan biyya Gibxi keessatti isaanitti of mulʼiseera. Harka koo ol kaasee, “Ani Waaqayyo Waaqa keessan” isaaniin jedheera. Gaafas ani biyya Gibxii isaan baasee biyya ani isaaniif file kan aannanii fi damma baastu, biyya biyyoota hunda caalaa miidhagdutti isaan galchuudhaaf isaaniif nan kakadhe. Anis akkanan isaaniin jedhe; “Tokkoon tokkoon keessan wantoota jibbisiisoo kan iji keessan itti gammadu sana balleessaa; waaqota Gibxiinis of hin xureessinaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.”
“ ‘Isaan garuu natti fincilanii na dhagaʼuu didan; wantoota jibbisiisoo iji isaanii itti gammade sanas hin balleessine yookaan waaqota Gibxi tolfamoo sanas hin dhiisne. Kanaafuu ani biyya Gibxi keessatti aarii koo isaanitti baʼuudhaaf dheekkamsa koo isaan irratti nan dhangalaasa jedheen ture. Ani garuu akka maqaan koo fuula saboota Israaʼeloonni gidduu isaanii jiraatan kanneen ani Israaʼeloota biyya Gibxii baasuudhaan fuula isaanii duratti of beeksise sanaa duratti hin xuroofne gochuudhaaf maqaa kootiif jedheen hojjedhe. 10 Kanaafuu ani biyya Gibxii isaan baaseen gammoojjiitti isaan fide. 11 Akka namni isaaniif ajajamu isaaniin jiraatuuf ani sirnawwan koo isaaniif nan kenne; seerawwan koos isaanitti nan beeksise. 12 Akkasumas akka isaan akka ani Waaqayyo isaan qulqulleesse beekaniif, akka anaa fi isaan gidduutti mallattoo taʼuuf Sanbatoota koo isaaniif nan kenne.
13 “ ‘Manni Israaʼel garuu gammoojjii keessatti natti fincile. Sirna koo isa namni yoo itti bule isaan jiraatu isa hin eegne; seera koos ni tuffatan. Sanbatoota koos guutumaan guutuutti xureessan. Kanaafuu ani dheekkamsa koo isaanitti roobsee gammoojjii keessatti isaanan barbadeessa jedhen ture. 14 Ani garuu akka maqaan koo fuula saboota utuma iji isaanii arguu Israaʼelin achii baase sanaa duratti hin xuroofneef maqaa kootiif jedhee waan kana nan hojjedhe. 15 Akkasumas biyya ani isaaniif kenne kan biyyoota hunda caalaa miidhagdu kan aannanii fi damma baastutti akka isaan hin galchine harka koo ol qabadhee gammoojjii keessatti isaanitti nan kakadhe; 16 kunis waan isaan seera koo tuffataniif, sirna koo duukaa hin buʼinii fi Sanbatoota koo xureessaniif. Yaadni isaanii waaqota isaanii tolfamoo faana buʼeeraatii. 17 Taʼus ani gara laafinaanan isaan ilaale malee isaan hin balleessine yookaan gammoojjii keessatti isaan hin fixne. 18 Ani gammoojjii keessatti ijoollee isaaniitiin akkana nan jedhe; “Sirna abbootii keessanii duukaa hin buʼinaa yookaan seera isaanii hin eeginaa yookaan waaqota isaanii tolfamoon of hin xureessinaa. 19 Ani Waaqayyo Waaqa keessan; sirna koo duukaa buʼaa; seera koos of eeggannaadhaan eegaa. 20 Akka inni nu gidduutti mallattoo taʼuuf Sanbata koo qulqullinaan eegaa. Ergasii isin akka ani Waaqayyo Waaqa keessan taʼe ni beektu.”
21 “ ‘Ijoolleen isaanii garuu natti fincilan; isaan sirna koo isa, “Namni yoo itti bule isaan jiraatu” sana duukaa hin buune; seera koos of eeggannoodhaan hin eegne. Sanbatoota koos ni xureessan. Kanaafuu ani dheekkamsa koo isaanitti roobsee gammoojjii keessatti aarii koo isaanitti nan baʼa jedheen ture. 22 Ani garuu maqaa kootiif jedhee akka maqaan koo fuula saboota ani utuma isaan ilaalanuu achii isaan baase sanaa duratti hin xuroofneef harka koo dachaafadhe. 23 Akkasumas ani gammoojjii keessatti harka koo ol qabadhee akkan saboota gidduutti isaan faffacaasuu fi biyyoota keessa isaan bittinneessu fuula isaanii duratti nan kakadhe; 24 isaan seera kootiif ajajamuu didan; sirna koos ni tuffatan; Sanbatoota koos ni xureessan; iji isaaniis waaqota tolfamoo kan abbootii isaanii duukaa buʼe. 25 Anis sirna gaarii hin taʼinii fi seera isaan itti hin jiraannetti dabarseen isaan kenne; 26 anis sodaadhaan isaan guutuufan aarsaa isaan ilmaan isaanii hangafa dhiʼeessuudhaan kennan sanaan akka isaan xuraaʼan nan godha; kanas ani akka isaan akka ani Waaqayyo taʼe beekaniifan godhe.’
27 “Kanaafuu yaa ilma namaa, akkana jedhii saba Israaʼelitti dubbadhu; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Kanaanis abbootiin keessan na gananii na arrabsan; 28 yeroo ani gara biyya ani isaaniif kennuuf kakadhee ture sanaatti isaan galchee isaan immoo gaara ol dheeraa kam iyyuu yookaan muka lalisaa kam iyyuu arganitti, isaan achitti aarsaa isaaniif dhiʼeessan; aariif na kakaasuuf jedhanii qalma dhiʼeessan; ixaana isaanii urgaaʼaa dhiʼeessanii dhibaayyuu isaaniis dhibaafatan. 29 Anis lafti ol dheeraan isin dhaqxan kun maal?’ isaaniin jedhe.” Hamma harʼaatti lafti sun Baamaa jedhamee waamama.
Murtii fi Araara
30 “Kanaaf mana Israaʼeliin akkana jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Isin akkuma abbootii keessanii of xureessitanii hawwii wantoota jibbisiisoo isaaniitiin gubattanii? 31 Isin yeroo kennaa keessan dhiʼeessitanii ilmaan keessan ibiddaan aarsaa gootanitti, hamma harʼaatti ittuma fuftanii waaqota keessan tolfamoo hundaan of xureessitan. Yaa mana Israaʼel, akka isin na kadhattani ani isiniif nan eeyyamaa? Ani dhugumaan jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; akka isin na kadhattan ani isiniif hin eeyyamu.
32 “ ‘Isin, “Nu akka sabootaa, akka uummata addunyaa kanneen mukaa fi dhagaadhaaf sagadan sanaa taʼuu feena” jettu. Garuu wanni isin garaatti yaaddan gonkumaa hin taʼu. 33 Ani dhugumaan jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; ani irree jabaa fi harka diriirfameen, dheekkamsa roobsuudhaan isinan bulcha. 34 Ani harka jabaadhaan, irree diriirfamee fi dheekkamsa roobeen saboota keessaa isinan fida; biyyoota isin itti bibittinnooftan keessaas walitti isinan qaba. 35 Ani gammoojjii sabootaatti isin fidee achitti ifaan ifatti isinitti nan mura. 36 Ani akkuman biyya Gibxitti abbootii keessanitti mure sana isinittis nan mura, jedha Waaqayyo Gooftaan. 37 Ani akka isin ulee koo jalaan lootan nan godha; hidhaa kakuuttis isin nan galcha. 38 Warra natti kaʼanii natti fincilan isin keessaa nan baasa. Biyya isaan jiraachaa turan sana keessaa isaan nan baasa; garuu isaan biyya Israaʼel hin seenan. Kanaanis isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
39 “ ‘Yaa mana Israaʼel waaʼee keessan garuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Tokkoon tokkoon keessan dhaqaatii waaqota tolfamoo keessan tajaajilaa! Ergasii garuu dhugumaan na dhaggeeffattu; kennaa fi waaqota keessaniinis lammata maqaa koo qulqullicha hin xureessitan. 40 Tulluu koo qulqullicha irratti, tulluu Israaʼel dheeraa sana irratti, jedha Waaqayyo Gooftaan, achitti guutummaan mana Israaʼel na tajaajilu; anis achitti isaan nan simadha. Achittis buusii keessanii fi kennaa keessan filatamaa sana aarsaa keessan qulqulluu hunda wajjin nan barbaada. 41 Ani yeroon saboota keessaa isin baasee biyyoota isin itti bittinnooftanii turtan keessaa walitti isin qabutti, ixaana urgaaʼaa godhadhee isin nan simadha; fuula sabootaa durattis isin gidduutti qulqulluu taʼuu koo of nan mulʼisa. 42 Yeroo ani biyya Israaʼel, biyya ani abbootii keessaniif kennuuf harka ol qabadheen kakadhee ture sanatti isin galchutti isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu. 43 Achitti isin amala keessanii fi gochawwan ittiin of xureessitan hunda ni yaadattu; hammina hojjettan hundaafis of balfitu. 44 Yaa mana Israaʼel, yeroo ani utuu akka hammina keessaniittii fi akka hojii keessan fokkisaa sanaatti hin taʼin, maqaa kootiif jedhee isinii araaramutti, isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu, jedha Waaqayyo Gooftaan.’ ”
Raajii Negeebiin Mormuudhaan Dubbatame
45 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: 46 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara kibbaatti garagalfadhu; biyya kibbaatti lallabiitii bosona biyya Negeebiitiin mormuudhaan raajii dubbadhu. 47 Bosona Negeebiin akkana jedhi: ‘Dubbii Waaqayyoo dhagaʼi. Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani ibidda sitti qabsiisuufan jira; innis mukkeen kee hunda jiidhaa fi goggogaa illee ni fixa. Arrabni isaa hin dhaamu; wanni kibbaa hamma kaabaatti jiru hundinuus ni gubama. 48 Namni hundinuus akka ani Waaqayyo ibidda sana qabsiise ni beeka; ibiddi sunis hin dhaamu.’ ”
49 Anis, “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ani bade! Isaan waaʼee koo, ‘Inni fakkeenya dubbata mitii?’ anaan jedhu” jedhe.