18
Lubbuun Cubbuu Hojjettu Ni duuti
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: “Isin yeroo,
“ ‘Abbootiin ija wayinii dhangaggaaʼaa nyaannaan,
ilkaan ijoollee hadoode’
jettanii waaʼee biyya Israaʼel mammaaktan, maal jechuu keessan?
“Ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; isin siʼachi mammaaksa kana Israaʼel keessatti hin mammaaktan. Lubbuun hundi kan koo ti; akkuma lubbuun abbaa kan koo taate sana lubbuun ilmaas kan koo ti. Lubbuun cubbuu hojjettu ni duuti.
“Mee nama qajeelaa murtii qajeelaa fi
waan qajeelaa hojjetu tokkotu jira haa jennu.
Inni tulluu waaqeffannaa irratti hin nyaatu
yookaan waaqota tolfamoo mana Israaʼel hin abdatu.
Inni niitii ollaa isaa hin xureessu
yookaan dubartii xurii qabdu wajjin hin ciisu.
Inni nama tokko illee hin cunqursu;
garuu waan qabsiisaan liqeeffate ni deebisa.
Inni nama hin saamu;
garuu nyaata ofii isaa nama beelaʼeef kenna;
uffata isaas nama qullaa deemutti uffisa.
Inni hiiqiidhaan namaaf hin liqeessu
yookaan dhala nama irraa hin fudhatu.
Inni waan hamaa hojjechuu irraa of qusata;
nama tokkoo fi nama kaan gidduuttis murtii qajeelaa kenna.
Inni qajeelfama koo duukaa buʼee
seera koos amanamummaadhaan eega.
Namni akkasii qajeelaa dha;
inni dhugumaan ni jiraata,
jedha Waaqayyo Gooftaan.
10 “Mee inni ilma jeequmsa kaasu kan dhiiga namaa dhangalaasu yookaan wantoota kanneen fafakkaatan kan biraa hojjetu qaba haa jennu; 11 abbaan wantoota kanneen keessaa tokko illee gochuu baatu iyyuu,
“Ilmi immoo tulluu waaqeffannaa irratti nyaata.
Niitii ollaa isaa xureessa.
12 Inni hiyyeeyyii fi rakkattoota cunqursa.
Nama saama.
Waan qabsiisaan qabate hin deebisu.
Gara waaqota tolfamoo ilaala.
Wantoota jibbisiisoo hojjeta.
13 Inni hiiqiidhaan liqeessee dhala fudhata.
Namni akkasii lubbuun ni jiraataa? Hin jiraatu! Inni sababii wantoota jibbisiisoo kanneen hunda hojjeteef dhugumaan ni ajjeefama; dhiigni isaas matuma isaatti deebiʼa.
14 “Ilmi kun garuu yoo ilma dhalchee, ilmi sun immoo cubbuu abbaan isaa hojjete hunda utuma arguu sodaatee hojjechuu dhiisa haa jennu:
15 “Inni tulluu waaqeffannaa irratti hin nyaatu
yookaan gara waaqota tolfamoo mana Israaʼel hin ilaalu.
Niitii ollaa isaas hin xureessu.
16 Nama tokko illee hin cunqursu
yookaan liqii liqeessuuf qabsiisa hin gaafatu.
Inni nama hin saamu;
garuu nyaata ofii nama beelaʼeef kenna;
nama daares daara baasa.
17 Harka isaa hiyyeeyyii miidhuu irraa eeggata;
hiiqii yookaan dhala hin fudhatu.
Inni seera koo ni eega; ajajawwan koo duukaas ni buʼa.
Inni sababii cubbuu abbaa isaatiif hin duʼu; inni dhugumaan ni jiraata. 18 Abbaan isaa garuu waan nama gowwoomseef, waan obboleessa isaa saamee uummata isaa gidduutti daba hojjeteef cubbuudhuma ofii isaatiin duʼa.
19 “Isin garuu, ‘Ilmi maaliif cubbuu abbaa isaatiin hin adabamne?’ jettanii gaafattu. Ilmi sun waan qajeelaa fi sirrii hojjetee ajajawwan koo hundas of eeggannoodhaan eegeef inni dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata. 20 Lubbuun cubbuu hojjettu ni duuti. Ilmi cubbuu abbaa isaatiin hin adabamu yookaan abbaan cubbuu ilma isaatiin hin adabamu. Qajeelinni nama qajeelaa isumaaf taʼa; hamminni nama hamaas isumatti deebiʼa.
21 “Namni hamaan tokko garuu yoo cubbuu hojjete hunda irraa deebiʼee ajajawwan koo hunda eegee, waan qajeelaa fi waan sirrii hojjete inni dhugumaan ni jiraata; hin duʼus. 22 Balleessaa inni hojjete keessaa tokko iyyuu isatti hin herregamu. Sababii wantoota qajeelaa hojjeteef inni lubbuudhaan ni jiraata. 23 Ani duʼa hamootaatti nan gammadaa? jedha Waaqayyo Gooftaan. Qooda kanaa yoo isaan cubbuu isaanii irraa deebiʼanii lubbuudhaan jiraatan ani hin gammaduu?
24 “Garuu namni qajeelaan tokko yoo qajeelummaa isaa irraa deebiʼee cubbuu hojjetee wantoota jibbisiisoo namichi hamaan sun hojjechaa ture sana hojjete inni lubbuudhaan ni jiraataa? Waan qajeelaa inni hojjete keessaa tokko iyyuu isaaf hin yaadatamu. Inni sababii amanamuu didee cubbuu hojjeteef ni duʼa.
25 “Isin garuu, ‘Karaan Gooftaa qajeelaa miti’ jettu. Yaa mana Israaʼel dhagaʼaa: Karaan koo qajeelaa dha mitii? Jalʼaan karaa keessan mitii? 26 Namni qajeelaan yoo qajeelummaa isaa irraa deebiʼee cubbuu hojjete inni cubbuu sanaan ni duʼa. Inni sababii cubbuu hojjete sanaatiif ni duʼa. 27 Namni hamaan tokko garuu yoo hammina isaa irraa deebiʼee murtii qajeelaa fi waan qajeelaa hojjete inni lubbuu isaa ni oolfata. 28 Inni sababii yakka hojjete hunda hubatee irraa deebiʼeef dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata; hin duʼus. 29 Taʼu illee manni Israaʼel, ‘Karaan Gooftaa qajeelaa miti’ jedha. Yaa mana Israaʼel, karaan koo qajeelaa dha mitii? Jalʼaan karaa keessan mitii?
30 “Kanaafuu yaa mana Israaʼel, ani tokkoo tokkoo keessanitti akkuma hojii keessaniitti nan mura, jedha Waaqayyo Gooftaan. Qalbii jijjiirradhaa! Yakka keessan hunda irraa deebiʼaa; yoos isin cubbuudhaan hin baddan. 31 Daba natti hojjettan hunda of irraa gataatii garaa haaraa fi hafuura haaraa qabaadhaa. Yaa mana Israaʼel isin maaliif duutu? 32 Ani duʼa nama kamiitti iyyuu hin gammaduutii, jedha Waaqayyo Gooftaan. Qalbii jijjiirradhaatii lubbuudhaan jiraadhaa!