14
Warri Waaqa Tolfamaa waaqeffatan Balaaleffatamuu Isaanii
Maanguddoota Israaʼelii keessaa tokko tokko na bira dhufanii fuula koo dura tataaʼan. Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe; “Yaa ilma namaa, namoonni kunneen waaqota tolfamoo garaa isaanii keessa dhaabbataniiru; fuula isaanii dura immoo dhagaa hamaa nama gufachiisu kaaʼaniiru. Ani akka isaan na kadhatan eeyyamuufiin qabaa? Kanaafuu akkana jedhii isaanitti himi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yommuu namni Israaʼelii kam iyyuu garaa isaa keessa Waaqa tolfamaa dhaabbatee dhagaa hamaa nama gufachiisu immoo fuula isaa dura kaaʼatee raajii bira dhaqutti, ani Waaqayyo akkuma baayʼina waaqota isaa tolfamoo sanaatti nan deebisaaf. Ani qalbii saba Israaʼel kanneen waaqota isaanii tolfamoof jedhanii na dhiisan sana hundaa deebisuuf waan kana nan godha.’
“Kanaafuu mana Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: qalbii jijjiirradhaa! Waaqota keessan tolfamoo irraa deebiʼaa; hojii keessan jibbisiisaa hundas dhiisaa!
“ ‘Yommuu namni Israaʼel kam iyyuu yookaan alagaan Israaʼel keessa jiraatu kam iyyuu na dhiisee garaa isaa keessa waaqota tolfamoo dhaabbatee fuula isaa dura immoo dhagaa hamaa nama gufachiisu kaaʼatee waan ani jedhu gaafachuuf raajii bira dhaqutti, ani Waaqayyo mataan koo deebii nan kennaaf. Ani namicha sana miidhuuf fuula koo isatti garagalfadhee fakkeenya waan kolfaa isa nan godha. Saba koo irraas isa nan kuta. Ergasii isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
“ ‘Raajichi yoo raajii dubbachuuf gowwoomfame, ani Waaqayyo raajii sana nan gowwoomsa; harka koos isatti kaafadhee saba koo Israaʼel gidduudhaa isa nan balleessa. 10 Isaan yakka isaanii ni baadhatu; raajiin sunis akkuma nama gorsa isa gaafate sanaa yakkamaa taʼa. 11 Kunis akka sabni Israaʼel siʼachi narraa goree yookaan deebiʼee cubbuu isaa hundaan of hin xureessineef. Isaan saba koo ni taʼu; anis Waaqa isaanii nan taʼa, jedha Waaqayyo Gooftaan.’ ”
Murtii Namni Jalaa Hin baane
12 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe; 13 “Yaa ilma namaa, yoo biyyi tokko amanamuu diduudhaan cubbuu natti hojjette ani harka koo isheetti kaasee madda nyaata ishee nan gogsa; beelas itti ergee namoota isheetii fi horii ishee jalaa nan fixa; 14 yoo namoonni sadan kunneen jechuunis Nohi, Daaniʼelii fi Iyyoob biyya sana keessa jiraatani iyyuu isaan qajeelummaa isaaniitiin mataa ofii isaanii qofa oolfatu, jedha Waaqayyo Gooftaan.
15 “Yookaan yoo ani guutummaa biyya sanaatti bineensa ergee bineensi sun immoo biyya sana ijoollee malee hambise, yoo hamma namni tokko iyyuu sababii bineensa sanaatiif achiin darbuu dadhabutti biyyi sun one, 16 ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; yoo namoonni kunneen biyya sana keessa jiraatani iyyuu isaan ilmaan yookaan intallan ofii isaanii oolfachuu hin dandaʼan. Isaanuma qofatu oolfama; biyyi sun garuu ni onti.
17 “Yookaan yoo ani goraadee biyyattiitti fidee, ‘Goraadeen biyyattii keessa haa darbu’ jedhee namaa fi horii ishee fixe, 18 ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; yoo namoonni kunneen biyya sana keessa jiraatani iyyuu isaan ilmaan yookaan intallan ofii isaanii oolfachuu hin dandaʼan. Isaanuma qofatu oolfama.
19 “Yookaan yoo ani biyya sanatti dhaʼicha ergee namaa fi horii ishee fixee dhiiga lolaasuudhaan dheekkamsa koo itti roobse, 20 ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; yoo Nohi, Daaniʼelii fi Iyyoob biyya sana keessa jiraatani iyyuu isaan ilmaan yookaan intallan ofii isaanii oolfachuu hin dandaʼan. Isaan qajeelummaa isaaniitiin mataa ofii isaanii qofa oolfatu.
21 Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: Yeroo ani namaa fi horii ishee fixuuf murtiiwwan hadhaaʼaa afran sana jechuunis goraadee fi beela, bineensaa fi dhaʼicha Yerusaalemitti ergutti hammam wanni hamaan haa taʼu ree! 22 Taʼus ilmaanii fi intallan isaanii kanneen ishee keessaa baafamanii baraaraman muraasni achi ni jiraatu. Isaanis gara keessan ni dhufu; isin immoo yeroo amala isaaniitii fi gocha isaanii argitanitti sababii ani Yerusaalemitti badiisa fideef jechuunis badiisa ani isheetti fide hundaaf ni jajjabaattu. 23 Isin yeroo amala isaaniitii fi gocha isaanii argitanitti akka ani sababii malee homaa ishee keessatti hin godhin waan beektaniif ni jajjabaattu, jedha Waaqayyo Gooftaan.”