12
Fakkeennoo Boojiʼamuu
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: “Yaa ilma namaa, ati uummata fincilaa gidduu jiraatta. Isaan arguudhaaf ija qabu; garuu hin argan; dhagaʼuudhaafis gurra qabu; garuu hin dhagaʼan; isaan uummata fincilaadhaatii.
“Kanaafuu yaa ilma namaa, utuma isaan arganuu guyyaa adiidhaan waan qabdu qopheeffadhuutii boojiʼamuuf iddoo jirtuu baʼiitii iddoo biraa deemi. Isaan mana fincilaa taʼani iyyuu tarii ni hubatu taʼa. Miʼa kee kan boojiʼamuuf qopheeffatte sana utuma isaan arganuu guyyaa adiidhaan baafadhu. Utuma isaan arganuus galgalaan akkuma warra boojiʼamuuf deemaniitti baʼii deemi. Utuma isaan arganuus dallaa uriitii miʼa kee achi keessaan baafadhu. Utuma isaan arganuus dimimmisa galgalaa keessa miʼa sana ol fuudhii gatiittii keetti baadhuu baʼi. Ati akka biyyattii hin argineef fuula kee haguuggadhu; ani mana Israaʼeliif mallattoo si godheeraatii.”
Anis akkuman ajajame nan godhe. Miʼa koos boojuuf qopheeffadhee guyyaa adiidhaan baafadhe. Galgalaanis dallaa sana harkuma kootiin nan ure. Utuma isaan arganuus miʼa koo gatiittii irratti baadhadhee dimimmisaan nan baʼe.
Guyyaa itti aanu ganamas dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: “Yaa ilma namaa, manni Israaʼel fincilaan sun, ‘Ati maal gochaa jirta?’ jedhee si hin gaafannee?
10 “Akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Raajiin kun waaʼee ilma mootii isa Yerusaalem keessa jiraatuu fi guutummaa mana Israaʼel kan achi jiraatuu ti.’ 11 Atis, ‘Ani mallattoo keessan’ isaaniin jedhi.
“Wanni ani hojjedhe sun isaan irra ni gaʼa. Isaan boojiʼamanii ni fudhatamu.
12 “Ilmi mootii inni gidduu isaanii jiraatu miʼa isaa gatiittii isaatti baadhatee dimimmisaan ni deema; akka inni keessaan baʼuuf dallaan ni uramaaf. Akka biyyattii hin argineefis fuula isaa ni haguuggata. 13 Ani kiyyoo koo nan diriirsaaf; innis kiyyoo kootiin ni qabama; ani gara Baabilon, biyya Kaldootaatti isa nan geessa; inni garuu biyyattii hin argu; achittis ni duʼa. 14 Ani warra isa wajjin jiran hunda gargaartota isaatii fi loltoota isaa hunda bubbeetti nan bittinneessa; goraadee luqqifameenis isaan nan ariʼa.
15 “Isaan yommuu ani saboota gidduutti isaan bittinneessee biyyoota keessa isaan faffacaasutti, akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku. 16 Ani garuu akka isaan saboota itti geeffaman sana keessatti gochawwan isaanii jibbisiisoo hunda himataniif isaan keessaa namoota muraasa goraadee irraa, beelaa fi dhaʼicha irraa nan hambisa. Isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”
17 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: 18 “Yaa ilma namaa, raafamuudhaan nyaata kee nyaadhu; sodaadhaan hollachaa bishaan kee dhugi. 19 Saboota biyyattiitiin akkana jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan waaʼee warra Yerusaalem keessaa fi biyya Israaʼel keessa jiraatanii akkana jedha: Sababii jeequmsa namoota achi jiraatan hundaatiif biyyattiin waan ontuuf isaan nyaata isaanii dhiphinaan nyaatu; bishaan isaanii immoo sodaadhaan dhugu. 20 Magaalaawwan namoonni keessa jiraatan ni barbadaaʼu; biyyattiin immoo ni onti. Sana booddee isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.’ ”
21 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: 22 “Yaa ilma namaa, fakkeenyi isin biyya Israaʼel keessatti, ‘Barri dheerateera; mulʼannis faayidaa dhabeera’ jettan kun maali? 23 Akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani fakkeenya kana nan balleessa; isaan siʼachi Israaʼel keessatti itti hin fayyadaman.’ Atis, ‘Barri itti mulʼanni hundi fiixaan baʼu dhiʼaateera, isaaniin jedhi. 24 Siʼachi mulʼanni sobaa yookaan raajiin sobaa uummata Israaʼel keessa hin jiraatuutii. 25 Ani Waaqayyo garuu waanan fedhe nan dubbadha; dubbiin sunis utuu hin turin ni raawwatama. Isin yaa mana fincilaa nana, ani waanan dubbadhu hunda bara keessan keessa nan raawwadha, jedha Waaqayyo Gooftaan.’ ”
26 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: 27 “Yaa ilma namaa, manni Israaʼel, ‘Mulʼanni inni argu waan bara dheeraa booddee raawwatamuu dha; wanni inni raajus waan bara fagootti guutamuu dha.’
28 “Kanaafuu ati akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Siʼachi dubbiin koo tokko iyyuu lafa irra hin harkifatu; wanni ani jedhu kam iyyuu ni raawwatama, jedha Waaqayyo Gooftaan.’ ”