3
Sanyii Mooticha Daawitii 
 
1 Ilmaan Daawiti yennaa Kebroon keessa jiru uumate, ta asii gad jirtu: ilmi angafichi Amnoon, ka Ahiino'aamii Yizre'elittii irraa uumate; ka lammeesso'oo Daani'el, ka Abigaayilii Karmelittii irraa uumate.  
2 Ka sadeesso'oo Abiishaalom, ka inni Ma'akaa intala Talmaayii mooticha Geshuurii irraa uumate; ka arfeesso'oo Adoniya'a; ka inni Haagiiti irraa uumate;  
3 ka shaneesso'oo Shefaaxiya'a; ka inni Abiixaal irraa uumate; ka jayeesso'oo Yitre'aam; ka inni haadha mana ifii Eglaa irraa uumate.  
4 Isaan jaan kun addee inni keessa tee'ee woggaa torbaa fi ji'a jaa bulchetti Kebroon keessatti isaaf dhalatane.  
Inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa soddomii sad bulche.  
5 Ilmaan inni Yerusaalem keessatti uumate ka asii gad jiranu: Shime'aa, Shobaab, Naataanii fi Solomoon; isaan arfan kana intala Amii'elii Baat-Sheebaa irraa uumate.  
6 Inni ilmaan dhibiille Yiibhaar, Eliishuwaa, Eliifaalet,  
7 Nogaa, Nefeg, Yaafii'aa,  
8 Eliishaamaa, Eliyaadaa fi Eliifelex, wolumatti ilmaan sagal qabaayyu.  
9 Ilmaan gursumeeyyi'ii adoo hin laakkowamin, isaan kun marti ilmaan Daawitii ti; obboleettiin isaaniille Taamaar.   
Mootota Yihuda'aa 
 
10 Ilmi Solomoonii Rehobiyaam; ilmi Rehobiyaamii Abiiya'a; ilmi Abiiya'aa Aasa'a; ilmi Aasa'aa Yoshaafaax; ilmi Yoshaafaaxii,  
11 Yoraam; ilmi Yoraamii Ahaaziya'a; ilmi Ahaaziya'aa Yo'aas;  
12 ilmi Yo'aasii Amaasiya'a; ilmi Amaasiya'aa Azaariya'a; ilmi Azaariya'aa Yotaam;  
13 ilmi Yotaamii Ahaazi; ilmi Ahaazii Hisqiyaasi; ilmi Hisqiyaasii Minaase'e;  
14 ilmi Minaase'ee Amooni; ilmi Amoonii Yosiyaas.  
15 Ilmaan Yosiyaasii angafichi Yohaannaan; ka lammeesso'oo Yehoyaaqiim; ka sadeesso'oo Zedeqiiya'a; ka arfeesso'oo Shaalum.  
16 Ilmaan Yehoyaaqiimii: Yehoyaakiinii fi Zedeqiiya'a.   
Sanyii Yehoyaakiinii Mootichaa 
 
17 Ilmaan Yehoyaakiinii mootichaa ka worri Baabilonii booji'e She'altii'el,  
18 Malkiiraam, Phedaayaa, Shenaazaar, Yeqaamiyaa, Hoshaama'aa fi Nedaabiya'a.  
19 Ilmaan Phedaaya'aa: Zarubaabelii fi Shime'i; ilmaan Zarubaabelii: Meshulaamii fi Hanaaniya'a; obboleettiin isaaniille Shelomiit.  
20 Inni ilmaan dhibiille shan qaba; isaanille: Hashubaa, Ohel, Berekiiyaa, Hasadiya'aa fi Yushaab-Hesed.  
21 Ilmaan Hanaaniya'aa: Phelaatiya'aa fi Yeshaa'iya'a; Yeshaa'iyaan Refaayaa uumate; Refaayaan Arnaan uumate; Arnaan Obaadiyaa uumate; Obaadiyaan Shekaaniyaa uumate.  
22 Ilmi Shekaaniya'aa Shemaa'iya'a. Ilmaan Shemaa'iya'aa: Haxushi, Yigaal, Baariihaa, Na'ariiya'aa fi Shaafaax; isaan wolumatti jaa.  
23 Ilmaan Na'ariiya'a: Elyo'enaayi, Hisqiyaasii fi Azriiqaam; isaan wolumatti sad.  
24 Ilmaan Elyo'enaayi: Hodaawiyaa, Eliyaashiib, Phelaayaa, Aquub, Yohaannaan, Delaaya'aa fi Anaani; isaan wolumatti torba.